Salaata Janaazaa Akkamitti salaatan!
----------------------
Erga dubbiste #Share
godhi
obboleewwan muslimaa,
hedduun keenya salaata
janaazaa makamne
salaatuu malee akka itti salaatan hin
beeynu yookiin immoo ni
irraanfatna. Salaatni janaazaa
akka armaan gaditti
salaatama.
-------------------
Tokkoffaa, Takbiira jalqabaa booda namni
salaatu kamuu
suuratul Faatihaa
jalqaba irraa hanga xumuraa of-keessatti
qara'a.
---------------------------
Lammaffaa, Takbiiraa lammataa booda wanti
qara'amu
salawaata
Nabi muhammad irratti qara'amuu dha. Akkana
jechuun
"Allaahumma salli 'alaa
Muhammadin wa 'alaa 'aali
Muhammadin,
kamala sallayta 'alaa 'Ibraahiima wa 'alaa 'aali
'Ibraahiima,
'innaka Hamiidun Majiid. Allaahumma baarik
'alaa
Muhammadin wa 'alaa 'aali Muhammadin, kamaa
baarakta
'alaa 'Ibraahiima wa 'alaa 'aali 'Ibraahiima, 'innaka
Hamiidun Majeed."
---------------------
Sadaffaa, Takbiiraa sadaffaa booda nama
du'ee irratti
salaatamaa jiru sanaaf
du'aa'iin godhama. Akkana
jechuudhaan
"Allaahum-maghfir lihayyinaa, wa mayyitinaa,
wa shaahidinaa, wa
ghaa'ibinaa, wa sagheerinaa wa
kabeerinaa, wa
thakarinaa wa 'unthaanaa. Allaahumma man
'ahyaytahu minnaa
fa'ahyihi 'alal-'Islaami, wa man
tawaffaytahu minnaa
fatawaffahu 'alal-'eemaani,
Allaahumma laa tahrimnaa
'ajrahu wa laa tudhillanaa
ba'dahu."
Hiikkaan du'aa'ii tanaas "Yaa Rabbi Yaa Allah jiraa
kennaa fii
du'aa kennaaf araarami,
Kan nu wajjiin jiranii fii kan nu
wajjiin hin jirreefis,
xiqqaa kennaa fii guddaa kennaafis,
dhiiraafis dubartiifis.
Yaa Rabbi nama nu keessaa jireenya
kenniteef jireenya
diinal islaam kenniif, nama nu keessaa
du'aan fudhatte du'a
isaa amantii isaa irratti taasisiif. Yaa
Rabbi Yaa Allah, yaa
Rabbii jazaa isaanii hin dhoowwatin,
nuyis isaan booda warra
jallatoo nu hin taasisin.
------------------------
Afraffaa, takbiiraa afraffaa booda, muslimtoota hundaaf
du'aa'ii godhi. Eegasii
salaata janaazaa salawaata tokko
gara mirgatti gochuun
xumuri.
----------------------
#Share godhi kan beekne
barsiisi jzkl
Hedduun
namaa hin beeku waan jedhamu salaatul janaazaa Keessatti
Barumsa
akkaan sirritti sifayaadu
1- #takbiiraan_duraa :.. Suuratul faatihaa qara'uu
2- #takbiiraa_lammafaa : .. assalaatul ibraahimiyyaa ( salawaata
buusudha) allaahumma salli alaa muhammad wa'alaa aali muhammad kamaa salleyta
alaa ibraahiima wa'alaa aali ibraahiim .
Wabaarik
alaa muhammad wa'alaa aali muhammad kamaa baarakta alaa ibraahiima wa'alaa aali
ibraahiim fil aalamina innaka hamiidun majiid
3- #takbiiraa_sadaffaa :... du'aa'ii kadhatuudha namticha du'eef waan dhufe
du'aa'ii irraa sanirraa akkana jedhii kadhadhuuf
((Allaahumma ighfir lahuu warhamhu , wa'aafih wa'afu anhu , wanaqqih
minal khaxaayaa kamaa yunaqqi assowbul abyadu minaddanas , wa'abdilhu daaran
keyran min daarih, wa'ahlan keyran min ahlih wazowjan keyran min zowjihii,
wa'adkhilhul jannah, wa'aizhu min azaabil qabri wamin azaabinnaar ))
Hiikkaa ⬇️
Yaa rabbi
isaaf araarami isaafis rahmati , badii isaatis irra dabriif, isa qulqulleessi
dilii irraa akkuma uffanni adiin qulqullaahu xurii irraa , isaaf jijjiiri ganda
ganda isaarra keyrii (caalu) warras warra isaarra caalu , jannata isa seensisi
, isa tiysi azaaba qabrii irraa fi azaaba ibiddaa irraa .
4- #takbiiraa_afraffaa :
"Allaahumma
laa tuharrimnaa ajrahuu walaa taftinnaa ba'adahuu "
Hiikkaa ⬇️
Yaa rabbi nu
hin dhoowwatin ajrii isaa nus hin
fatanin eega isaatii
Eegasii
du'aa'ii kadhata nama du'ee fi muslimoota hundaaf eegasii ni xumura salaata
isaa salaamtaan.
Xumura
salaataa Keessatti salaamtaa takka qofa jihaa mirgaatti
Beeytaa
maaliif dirqama sirratti taha share godhuun !?
Sababaan
namni ilmii diinii takka beekee isii nama hin barsiisin guyyaa qiyaamaa ni
gaafatama
Simalee
namni biraa beekuu barbaada garuu ? hin beeku eessa akka deemu !?
Gariin namaa
ni saalfata !....?
Carraaqadhu
ajrii isaa
akka
sibiratti dhaabbatu hin taasisin namni keyrii irratti nama qajeelchu akkuma
nama dalageetii.
No comments:
Post a Comment