12 Nov, 14:03
بِسْمِ اللَّـهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ
°°°°°°°°°°
KITAABA FIQ-HUL MUYASSAR
••••••••••••••••••••••••••••
BOQONNAA 3
KITAABA ZAKAA
=========
BARNOOTA 4FFAA KUTAA 1FFAA
========
Barnoota keenna hardhaa keessatti waa'ee Zakaa FIXRII(zakaata dhalootaa)
Baranna.
ZAKAA FIXRII
jechuun:- zakaa dhalootaan namarratti dirqama taatu jechuudha. Zakaa FIXRII
midhaan gahaa qabaatteef hin baaftu. Ykn horii gahaa qabaatteef osoo hin taane
nama muslimaa taatee argamuu kee qofaaf dhuma ramadaanaa irratti kan
baaftuudha.
ZAKAAN FIXRII dirqama nama muslima ta'e hundarratti. Daa'ima fi Ga'eessa irraahis
ni baafamti.
Rasuulli rabbii SAW :-
فرض رسول الله ﷺ زكاة الفطر صاعا من تمر أو صاعا من شعير على العبد والحر والذكر والأنثى والصغير والكبير من المسلمين"،
"Dirqama
godheet Jira, rasuulli rabbii SAW zakaa fixrii kooboo takka tan timira irraa
taate ykn garbuu irraa taate. Gabraa fi bilisa, dhiiraa fi dhalaa, xiqqaa fi
guddaa irrattis muslimtoota irraa."
Abbaan warraa maatii isaa hundarraa baasuun dirqama yoo danda'e. Danda'uu
jechuun ammoo yoo waan guyyaa Iidaa San nyaatu qabaate waan irraa hafe zakaa fixrii
baasa jechuudha.
ULAAGAA ZAKAA FIXRII!
1. Islaama ta'uu.
2. Waan guyyaa ayyaanaa San nyaattee irraa siif hafu kennuudha.
HANGA BAAFAMU
Zakaa fixrii midhaan qofatu baafama. Qarshii baasuun hin danda'amu. Midhaan
baafamus midhaan biyya sanitti baramaa (kan nyaatamu) ta'uu qaba. Fknf akka
biyya keenyaatti Xaafii, qamadii, boqqolloo, mishingaa, garbuu, hayisaa, Ruuza
fi kknf ta'uu danda'a.
Kana malees aannan gogaa baasuun ni danda'ama.
✍️Hangi midhaanii kan baafamu Ammoo akka zamana keennaa
kanatti Kiiloo lamaafi walakkaa ol ta'uu qaba. (2.⅕) Kana jechuun Akka gaafa
Rasuulaa sanitti muddii 4 ta'a jechuudha.
FAAYIDAA ZAKAA FIXRII
👉 Nama soomanarra ture sana qulqulleessa. Bakka
soomanni isaa jalaa hirdhateen guuta.
👉 Miskiina fi harka qalleeyyii guyyaa sana akka waa
nama hin kadhanneef qarqaara. Kanaafuu isaanis guyyaa gammachuu isaanii islaama
wajjiin dabarsu.
Rasuulli rabbii SAW:-
ابن عباس رضي الله عنهما قال: فرض رسول الله ﷺ زكاة الفطر طهرة للصائم من اللغو والرفث وطعمة للمساكين فمن أداها قبل الصلاة فهي زكاة مقبولة، ومن أداها بعد الصلاة فهي صدقة من الصدقات.
👉 Tola rabbiin namarratti oole ibsuutu keessa Jira.
Gammachuu islaama wajjiin qoodachuudha.
YEROO ZAKAAN FIXRII ITTI GAGGEEFFAMTU.
Zakaa fixrii galgala guyyaa Iidaa jechuun osoo guyyaan Iidaa hin bari'in
baasuun ni danda'ama.
Yeroon zakaan fixrii itti baafamuu qabdu hunda caalaa ganama guyyaa Iidaa sana
osoo Salaata IIDAA hin salaatin dura jechuudha.
Salaata IIDAA booda zakaa fixrii baasuun hin danda'amu. Baaftuus bakka bu'uu
hin dandeessu.
Rabbiitu beeka
والله اعلم
11 Nov, 20:25
بِسْمِ اللَّـهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ
°°°°°°°°°°
KITAABA FIQ-HUL MUYASSAR
••••••••••••••••••••••••••••
BOQONNAA 3
KITAABA ZAKAA
=========
BARNOOTA 3FFAA KUTAA 2FFAA
========
Barnoota keenna hardhaa keessatti waa'ee Zakaa beeyladootaa Baranna.
waa'ee Zakaa beeyladootaa
ZAKAA RE'EE.
👉Re'ee 40 irraa hanga 120tti re'ee tokko irraa baasu.
👉 120-200 irraa ammoo re'ee 2 baasu.
👉 201-300 re'ee 3 irraa baasu. Kanaa ol yoo caalte
ammoo 100 hunda keessaa re'ee 1 baasu.
Rasuulli rabbii SAW akkana jedhan:-
: { وفي صدقة الغنم في سائمتها ، إذا كانت أربعين إلى عشرين ومائة ، شاة ، فإذا زادت على عشرين ومائة إلى مائتين ، ففيها شاتان ، فإذا زادت على مائتين إلى ثلاثمائة ، ففيها ثلاث شياه ، فإذا زادت على ثلاثمائة ، ففي كل مائة شاة ، وإذا كانت سائمة الرجل ناقصة من أربعين شاة واحدة ، فليس فيها صدقة إلا أن يشاء ربها ، ولا يخرج في الصدقة هرمة ، ولا ذات عوار ، ولا تيسا ، إلا ما شاء المصدق } .
"Yoo
bobbaan/tikni re'ee 40 fi isaa ol ta'e, dhibba hunda irraa re'ee takka baasu.
Yoo re'een namichaa 40 gadi taate ammoo zakaan keessa hin jiru."
ZAKAA YOO FUUDHAN TAN
AKKAMTU FUUDHAMA?
Islaamummaan Kara hundatti haqa namaa ni eega. Namicha kennuufii kan
fuudhuufis haqni lachuu tikfamaadha.
Gaala, loonii fi re'een zakaa taatu:-
✍️ Fayyaa qabaachuu qabdi. Re'een dhukkuba qabdu hin
fuudhamtu.
✍️ Akkasumas qaamaa guutuu ta'uu qabdi. Jechuun Qaamni isii
hir'uu ta'uu hin qabu. (Tana ija hin qabne, gurra hin qabne, fi hanqina
garagaraa qabdu hin taatu).
✍️ Haadha ilmaanis ykn aanesse fuudhuun hin ta'u.
✍️ Tan rimaya qabdus fuudhuun hin ta'u.
✍️ Tan qalmaaf qophooftes hin fuudhamtu.
✍️ Sangaa qotus fuudhuun hin hayyamamu.
✍️ Tan hunda caalaa abbaan jaalatuu fi abdatus hin fuudhan.
Horii bobbaa tokkoo (kan nama hedduun walitti qaban) zakaan isaa akkamitti
baha?
Kana bakka lamatti qoonnee laaluu ni dandeenna.
1. Qabeenya waloo (jechuun kan walitti bitame) kan hin qoodamin. Fknf loon 40
magaalaa deemanii bitanii galan, loon kana walumatti bitan malee Kuni keeti
Kuni kiyya wanni jedhamu hin jiru.
2. Horii dhuunfaa garuu kan walitti dabalamee bakka tokko bulu, waliin
bobba'uudha. Kana jechuun jalqaba namni walitti naqate Kuni loon isaa kophaa
kophaatti ni beeka jechuudha.
Ulaagaa asiin gadii yoo guttate lachuu zakaan irraa
bahuu qaba.
☝️ Horiin Kuni waliin buluu fi waliin bobba'uu qaba. Jechuun
Tika tokko ta'uu qaba.
☝️ Namoonni walitti tikfatan Kuni lachuu ykn hundinuu namoota
zakaan irratti dirqama ta'e ta'uu qabu. Kana jechuun fknf nama 3n walitti naqatanii yoo namni
tokko keessaa kaafira ta'e zakaan irratti dirqama hin taane jechuudha.
☝️ Loon walitti ida'ame Kuni baay'inaan sadarkaa zakaa gahuu
qabu. Jechuun yoo loon taate 30 ol yoo gaala taate 5 oli yoo re'ee taate ammoo
40 ol ta'uu qabdi.
Hubachiisa:-
zakaa sodaaf jecha loon duraan waliin bobba'u adda baasun hin ta'u. Ammas zakaa
irraa baafna jedhanii beeyladoota duraan waliin hin jirre walitti naquunis hin
hayyamamu.
Kana jechuun amma osoo namni 3 re'ee afurtama, afurtama qabaatee zakaan irraa
bahu re'ee 3 ture, garuu walitti maknee 120 irraa re'ee tokko baafna jechuu
fa'a. Kun hin hayyamamu.
Ulaagaan Kuni beeyladoota qofaaf oola.
Rabbiitu beeka
والله اعلم
10 Nov, 13:30
بِسْمِ اللَّـهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ
°°°°°°°°°°
KITAABA FIQ-HUL MUYASSAR
••••••••••••••••••••••••••••
BOQONNAA 3
KITAABA ZAKAA
=========
BARNOOTA 3FFAA KUTAA 1FFAA
========
Barnoota keenna hardhaa keessatti waa'ee Zakaa beeyladootaa Baranna.
Beeylada jechuun:- gaala, loonii, Hoolaa
fi re'eedha.
ULAAGAA ZAKAA BEEYLADOOTAA!
1. Sadarkaa zakaan irraa bahu gahuu qaba. Kana jechuun yoo gaala ta'e 5 fi isaa
oli. Re'ee yoo ta'e 40 fi isaa oli. Loon yoo ta'e ammoo 30 fi Isa oli.
2. Waggaan irra naannahuu. Erga waggaan irra deebi'ee booda zakaan irraa baha.
3. Tika tokko keessa jiraachuu qaba. Jechuun bobbaa takka ta'uu qaba.
4. Hojjattuu tan hin taane. Jechuun gaala bishaan waraabu, ykn sangaa qotu
ta'uu hin qabu. Maalif? Sangaa qotu 30 namni qabu Zakaa irraa baasuun dirqamaa
miti. Maalif? Sababnisaa ooyruu/maasaa sangaan Kuni qote irraa zakaan waan
bahuufi.
BEEYLADOOTA IRRAA ZAKAAN MAALTU BAHA?
✍️ Gaala 5 irraa jalqabee zakaan irraa baha.
✍️Gaala 5 = ilmoo re'ee takka.
✍️Gaala 10= Re'ee lama.
✍️Gaala 15= re'ee sadi.
✍️Gaala 20 = Re'ee afur.
✍️Gaala 25-35= Orgee/ogoree gaalaa tan waggaa takka fixxee
waggaa lamaatu irraa baha. Yoo hin qabne ammoo dibicha gaalaa kan waggaa lamaa
baasa.
✍️ Gaala 36-45= Orgee/ogoree tan waggaa lama geesse
irraa baasu.
✍️ Gaala 46-60= goromtii gaalaa tan waggaa 3 guutte irraa
baasu.
✍️ Gaala 61-75= gaala waggaa 4 xumurtee gara 5nii deemtu ykn
kan ilkaan cabse/buuse irraa baasu.
✍️ Gaala 76-90 = Orgee/ogoree haati irratti dhalte jechuun tan
waggaa lama guutte 2tu irraa baafama.
✍️ Gaala 90-120= gaala waggaa 4 guute lama irraa baasu.
✍️ Gaala 120 ol yoo ta'e afurtama afurtamatti qoodaanii
afurtama hunda irraa ogoree gaalaa tan waggaa lama guutte irraa baasu.
ZAKAA LOONII
zakaan loonii 30 irraa jalqaba.
👉 30-39= jibicha waggaa tokko guutee gara lammaffaa
seene irraa baasu.
👉 40-59= jibicha waggaa lama guutee gara saddaaffaa
deemu irraa baasu.
👉60-69= jiboota waggaa lamaa 2 irraa baasu.
👉 Horiin yoo torbaatamaa fi isaa ol darbe 30 hunda
keessaa jibicha tokko baasu. Afurtama hunda irraa jibicha waggaa lamaa fi isaa
ol dabre baasu
Bottom of
Form
No comments:
Post a Comment