Friday, November 8, 2024

Akkaataa Herreega Zakaa

 Akkaataa zakaa itti herregan

zakaan maali 


zakaan tokko  shanan arkaana islaamummaan irratti dhaabbattu irraa lakkaayama  Rasuulli keenna akkana jedhan hadiisa sahiiha keessatti ((:"بُني الإسلام على خمس: شهادة أن لا إله إلا الله وأن محمدا رسول الله وإقام الصلاة وإيتاء الزكاة وصوم رمضان وحج البيت لمن استطاع إليه سبيلا " islaamummaan waa shan irratti ijaramte 1. shahaada lamaan 2. salaata  3. zakaa 4 sooma 5 hajjii .  jedhanii lakkaayan.


  zakaan 3ffaa arkaana islaamaati rabbiin qur'aana kessatti bakka heddutti dubbate.


 hiikkaan zakaa maali ?


zakaa jechuun akka lugaa arabaatti yoo laalle jecha heddutti hiikkama 


guddisuu 


 qulqullina 


 barakaa  jedhamee beekkama 


wanni  zakaan jechoota kanaan ibsamteef isiitu  yoo baasanii kennan  abbaa baaseef  barakaa , dabala, qulqullina  taati zakaan  nama baasu ni qulqulleessiti, nama fudhatus waanyoo irraa qulqulleessiti   horoo keessaa baasanis ni qulqulleessiti.


zakaan yoom waajiba taate ?


zakaan ka waajiba taate  Makkatti  garuu erga Madiinaa galan adda baafamtee ibsamte malee . 


zakaan seera kamiin waajiba taati?


 zakaan waajiba tahuuf seera qabdi seerri isii 


islaamummaa qabaatu  seerri isii cimaan namni baasu sun nama muslimaa tahuudha zakaan nama kaafiraa irrraa waan hin qeebalamneef  muslima tahuu jedhan beeytonni  


  bilisummaa   namni zakaa baasu kun nama bilisaa tahuu nama gabraa irratti waajiba hin taatu 


 horoon ta isaa tahuu  horoon inni keessaa baasu sun ta isaa taatee isa biratti argamuu  


horoo dabalamuun mijaahu tahuu dha  akka horii , midhaan ,maallaqa  kf 


sababni isiin waajiba taateef maali ?


rabbiin keenna yero zakaa waajiba godhu 


horoo muslimtootaa keessatti  barakaa isaanii godhuufi 


 akka hawaasni muslimtootaa waliin jiraanna isaanii keessatti  akka qaama tokkootti jiraataniifi.


horoo zakaa


horoon nama muslimaa yoo haga zakaa geette waan baasutu horoo zakaa jedhama isiin sun 


1. maallaqa lakkaayamu


 2.warqii fii meeta 


 3.waan lafaa bahu 


 4. horii kottee 


horoon zakaa hin qabne ammoo


1.  mana keessa galan 


2. konkolaataa  


3. sangaa qonnaa  fi  kkf 


sababni zakaan waajiba taheef ?


wanni rabbiin zakaa waajiba godheef gabroota isaatii horoo isaaniii keessatti  barakaa isaanii godhuufi.  


 hawaasni muslimaa wal qabatee haa misoomuufi  


 namni dureessaa yoo nama dhabaaf horoo ufii irraa baasee kenne  hawaasni sun wal jaalata wal qabata obboleessa  tahee waliin jiraata.


horoon nama dureessaa bira jirtu waan dureessi ufii godhatee miti waan rabbiin isa bira kaaye malee  namni dureessaa kana beekee rabbiin galateeffatuu qaba  galanni horoo zakaa baasanii  rakkataaf kennuudha . 


akkaataa herrega horoo


horoo zakaan itti gahe akkaataan itti herregan karaa lamaani 


horoo hunda herreganii  afurtamaaf(40) hiranii waan argamutu zakaa


Namni tokko yoo maallqa kuma kudhan (10000) qabaatee waggaan irra naannaye horoon irraa bahuu qabdu 


(1)  10000   ÷40=250 Taha


(2) 160000 ÷40=4000


karaan lammata


Namni tokko yoo mallaqa zakaa gahe qabaate walitti qabee  dhibbaaf qoodee booda  lamaafi walakkaan heddummeessa waan erga qoodee argamutu zakaa 


 fkn


  100000 yoo qabaate


100000  ÷100=×2.5=250 taha 


 horoo  baasan waytuma waggaan itti gahe san haala inni jirurratti baasan.


akkuma beekamu horoo takka zakaan keessatti hin argamu haga waggaan irra naannayuti, haga horoon sun qooda zakaa geettutti 


sunis:-   haga warqii giraama 84 bituu geettuu jechuu 


yokaan  meeta giraama 595  bituu geettutti


G/ maallaqa wahiin bituuf kaayatan zakaan keessaa bahaa ? 


D/horoo wahiin bituuf qophaaye yoo waggaan irraa naannaye zakaan keessaa bayuu qaba. 


 zakaan eennuu kennama


 Rabbiin nama zakaan kennamtuuf adda baasee himee jira . 


hiyyeessa :-  kan waan nyaatu hin qabne 


Miskiina :- nama  harka qal'eessa tahe 


warra zakaa hojjatu ( walitti qabu). 


warra islaamummaan isaanii kajeelamtu  fi warra islaamummaa haarawa seemed  


nama uf bitu: gabrummaa irraa nama baasuu 


 deeynawaa : mallaqa namaa kafaluuf ka gaafatu ykn namarraa kafaluuf ka gaafatu


 karaa Rabbii keessatti  baasanii kennuu   


Nama kara rabbii deemuu kennuu


warroota kanneetu zakaa fudhatuu qaba. 


2ffaa   Zakaa fixrii


Zakaan fixrii tokkoo zakaata ummata islaamaa irratti dirqama taateeti zakaa fixrii ka dirqama godhe rasuula rabbiiti 


Kan zakaan fixriitun irraa kennamtu cufa nama muslima taheeti sadarkaa umriitiin osoo hin laalamne xiqqaaf guddaa hundaraa kenamti 


Kan isiin kennamtu dhuma ji'a soomaati 


 zakaan tun kana dirqama taatu ilma namaa irratti  kanaaf zakaa qaamaa jedhamtee beekkamte 


Hikmaan isiin waajiba taateef 


Lubbuu nama soomee qulqulleessuu 


Rabbittiin dhihachuu 


 rabbiif galata galchuu kan fayyaa namaa kennee nama jiraachise 


 dilii sooma keessa namarraa ragamtu  tan akka qoosaa , hamaa , nama arrabsuu  kkf irraa nama qulqulleesu


Nyaata miskiinaa haa taatuufi


Miskiinni guyyaa iidaa san ittii gammadee haa dureessaan wali qixxaayuufi rasuulli keenn akki jedhan قال ابن عباس: "فَرَضَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ زَكَاةَ الْفِطْرِ طُهْرَةً لِلصَّائِمِ مِنْ اللَّغْوِ وَالرَّفَثِ وَطُعْمَةً لِلْمَسَاكِينِ مَنْ أَدَّاهَا قَبْلَ الصَّلاةِ فَهِيَ زَكَاةٌ مَقْبُولَةٌ وَمَنْ أَدَّاهَا بَعْدَ الصَّلاةِ فَهِيَ صَدَقَةٌ مِنْ الصَّدَقَاتِ». 


Rasuulli rabbi zakaa fixrii wajiba godhan  nama soomu haa qulqulleesistuu  qoosaafi tapha adda addaa irraa nyaata miskiinaa haa tatuuf namni saalata dura kenne zakaa isaa tatai namni salaata booda kenne sadaqama itaa saati  jedhan


Yeroon isii kennamtu yoomi ? 


 zakaan fixrii ka kennamtu  aduun soomaa tan guyyaa dhumaa gad deentee haga salaanni iidaa salaatamutti yeroon isii  garuu yoo guyyaa lana(2) dura kennellee nitaha


Yoo salaata booda kenne irraa hin kuftu sadaqama isa ataati malee zakaatti hin herregamtuuf 


  


 maal irraa baasan meeqa baasan ? 


Zakaan fixriidhaa kooboon baati midhaanirraa baati  qamadii. Ruuza, garbuu, waamuna biyya sanitti nyaatamu irraa baati 


 hammi isii kooboo takka  kooboon takkaa kiilograamaan yoo herregame  3.kg  taha 


Mallaqa baasuun taha ? 


Mallaqa baasuu keessati beeytonni isaamaaa yaada adda addaa qaban 


Fkn 


Mazhaba imaamman lamaan shafi'ii fii hanafii keessatti baasuun ni taha 


Mazhaba hanbalii fii maaliki keessatti maallaqa baasuun hin tahu jedhan 


Garu mazhabni hanbalii yoo maallaqa malee midhaan dhabe ni baasa yoo maallaqatti haajaan cimtuun jiraatte jedhan  kanaafuu zakaan fixrii midhaanumatu bahuutu gaariidha yoo dhabanii fii yoo haajaan cimtuun maallaqatti jiraatte mallaqas baasuun hin taha jechuutu bareeda 


Galatoomaa  


BARREESSAAN ABU EYMA (ALARIF)


28/9/1440


WWW.ALARIFU.COM 

ZAKAA MIDHAANII (WAAN DACHII IRRAA BAHU)

===================================

By: Ustaaz Abdurahmaan Husseen


  Horiin Zakaan irratti wajjaba afur (4) 


1.Beeylada irraa 

2.waan dachii irraa biqilu irraa 

3.Maallaqa irraa 

4.Meeshaa Nagadaa irraa 


Kutaa 1ffaa keessatti zakaa Maallaqaa irraa akkaataa itti bahu ilaallee turre  Kutaan keenya 2ffaa zakaa waan dachii irraa biqilu ta'a -share godha 


< Zakaan Midhaan Olkaa'amee yeroo dheeraaf taa'uu danda'u irraa baha yoo bakka zakaa San gahe. 

Fkn Boqqolloo,Xaafii,Mishingaa,garbuu, qamadii fi k.k.f irraa baha 


  Akkamitti irraa baha? ⤵


< Nabiin  (saw ) awsuqi 5 irraa baha jedhan 

-akkana jechuun ulamaa'iin yeroo hammaa haala mijeessanii jiru .

-Awsuqi 5 jechuun Meeshaa zakaatul Fixriin ittiin bahu 300 jechudha. 


< yeroo gara kiilootti deebifne 624kg waan ta'u jedhan kana jechuun Jooniyaa fi way jechuudha. 

< Zakaan kumtaala 6 fi kiiloo 24 irratti wajjaba ykn kiiloo 600 fi 12 kan jedhus jira. Kan Sanaa gadi jedhus ni jira. Garuu irra gaariin kiiloo 600 fi 24 yoo goone bareedadha. 


Fkn yoo Boqqolloo ykn Bishingaa kumtaala 10 yoo kan galfatu taate akki itti irraa Zakaan bahu 

Akkaataa laamatu jira Isaanis 


1.Roobaan yoo Oomishame 

2.Bishaaniin yoo Oomishame ] kun garaa garumma qaba. 


< yoo Roobaan Oomishate kumtaala (10) Yoo kan galfatu taate 10÷10=1 ta'a 

1=zakaa kennamuu qaba jechudha. 


< Yoo Bishaaniin Oomishame :kumtala  (10) Yoo argate 10÷10=1 

  Ammas 1 kana irraa walakkaa isaa kenna waan ta'aabee argateef kan Roobaatiin adda jechuudha. 


< haala kanaan Zakaan yoo kumtaala 6 Ol qabaate irratti wajjaba. 

-yeroon inni irratti wajjabu yeroo asheetummaa darbee ija guute jechuudha. 


↪kan Biraa kuduraa fi Muduraa irra Zakaan hin jiru 


Fkn Maangoo, Abukaadoo, Timaatima, Qullubbii, Shunkurtii fi k.k.f irraa hin jiru 

-Garuu Yoo Nagadaaf Oomishame irraa bahuu qaba yoo Qarshiin isaa bakka zakaa San gahe 

Kun Qarshii irraa baha 

Fkn Qarshiin Zakaan irratti wajjabu 30,000 FI isaa Ol itti yoo gurgure jechudha. 

Qarshii argate San 40 hira ga'ee argatu zakaa kenna. Haala kanaan kuduraaf Muduraa iraa Zakaan baha. 


< kanaan alatti yoo nagadaaf hin taane hanga fedhe yoo ta'e Zakaan irra hin jiru kuduraafi Muduraa irra. 


< Walumaagalatti Midhaan Olkaayatanii Amata turuu danda'u irraa Zakaan baha 


Fkn Yoo Midhaan garaa garaa Ooyruu irraa qabaatan walitti deebisanii bakka zakaa ni gaha jedhanii zakaa irraa baasuun hin tahu yoo Mataa Mataan bakka zakaa San gahe malee 


< Garuu Fkn yoo yoo Qamadii ykn Boqqolloos hata'u Maqaan tokko ta'ee bifaan garaagara ta'e walitti ida'amee irraa bahuu ni danda'a jechuudha. 

Kutaa itti Aanu keessatti zakaa Beeyladaa ilaalla Insha Allah 🔏


0550625080

MEE ZAKAARRAA XIQQO WAL HAA BARSIISNUU !!

•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••


@ #zakaa -jechuun qulqulleessituu jechudha. 


@ Zakaan waan qabeenya namaa irraa waggaatti irraa bahuudha. 

@ Zakaan arkaana  (utubaa) Islaamaa keessa isa tokkoodha.

@ Namni horii isaa irraa Osoo zakaa hin baafne nyaatu horiin isaa barakaa hin qabu akkasuma haraamillee 

 

   Zakaan Gosa lama(2) jira 


  Isaanis  1.zakaa horiiti 

                2.zakaa Faxrii ti 


@ wanti Rabbiin  (SW) zakaa karaa godheef 


- akka nuti lubbuu keenya doqnummaa irraa bilisa baafnuufi 

-akka nuti horii qabne irraa sadaqachuu barruuf 

-akka nuti Miskiina maxxanfannuuf itti arjoomnee 

- Akka hawaasa keessatti tolina uumnuuf qabaataan dhabaadhaaf arjoomee 


  EENYU IRRATTI DIRHAMA TAHA? 


@ Nama horii gahaa qabuuf 

Eenyuunuu ta'ee fedhu #Maraataa ta'us ,Daa'ima ta'us,  beekaa ta'us,wallaalaa ta'us qabeenyi bakka zakaa gahuu qofatu ilaalama jechudha. 

@ Rabbin  (SA) akki jedhu kennadhaa waan isin Razaqne irraa waan gaarii nuun jedhe. 

@ waan lafa kana irraa isiniif biqilchine irraa kennadhaa nuun jedha 


   HORIIN ZAKAAN IRRATTI WAJJABU AFUR (4)


1.Beeylada irraa 

2.waan dachii irraa biqilu irraa 

3.Meeshaa nagadaa irraa 

4.Maallaqa irraa 


Akkamitti Maallaqa irraa baha? ? 


@ Zamana Nabii Rabbii  (saw) Zahaba (gold)

  Meeta (silver ) kan jedhamu irraa baha 


@ zamana Nabiyyi  (saw) zahabarraa akki Zakaan itti bahu Zakaan #sisqaala 20 irratti wajjaba 

@ akka yeroo ammatti waan misqaalli hin jirreef ulamaa'iin akki itti nuuf kaa'an 

Zahaba(warqii) giraama 85 tu Misqaala 20 ta'a jedhan. Kana waan ta'eef nummoo Qarshii qabnu gara Zahaba giraama 85 itti tilmaamnee 

Yoo qarshiin keenya Zahaba 85 bituu danda'e irraa Akkasittii baafna .


@ erga qarshii keenya gahaa ta'uu beekne ho akkamitti irraa baafna? ?


Fkn Zakaan qarshii kuma soddom  (30,000) Yoo qabaanne irratti wajjabe. 


Akki itti irraa baafnu⤵⤵⤵ 

30,000 ÷40 =750 ta'a 

   750 zakaa kennamuu qaba 


Fkn 2ffa  yoo kan qarshii 100,000  (kuma dhibba) Yoo qabaanne ⤵⤵⤵


     100,000 ÷40=2500 ta'a 

    Kan zakaa bahu 2500 jechuudha 


@ haala kanaan gabaabumatti qarshii qabnu 40 hirree ga'ee isaa zakaa kennuudha. 


    MEETA  (SILVER )

==================


@ Zamana Nabii  (saw) dirhama 200 irraa Zakaan baha 200 fi 200 ol irraa baha 


@ Yeroo hammaa akkamitti beekna yoo jenne ulamaa'iin nuuf kaa'anii jiru 200 dirhamni 595 giraama ta'a 


-kana booda erga kana barree gara Magaalaa deemnee girhaamni tokko meeqa akka ta'e barree sana booda giraama 595×gahee qarshii giraama tokkoo tiin baay'ifna 

@ erga qarshii dirhama tokkoo giraama595 baayifnee qarshiin nuti qabnu yoo bakka zakaa gahe irraa baafna jechuudha. 


.⏩haala kanaan Zakaan qarshii irraa baha jechudha 

Bakka kanatti irra hedduun namoota keenya qabeenya qaban irraa akkaataa zakaa itti irraa baasan hin beekan kun immoo dirqama nama Maqaa Musliimaa qabuuti kanaaf #Share gochuu hin dhiisina haqa jiru wal biraan gahaa Jzlllk 


By: us #Ingener_Abdurahman_Husen


No comments:

Post a Comment

Markaz Umer posts

Barnoota fi Seenaa kutaa 1ffaa

 Barnoota Fi Seenaa Nabii Muhammad Barnoota fi Seenaa Kut-1ffaa  Kutaa 1ffaa✅ ================================ 1✍️Rasuulli (ﷺ) Gama eenyuutt...

Markaz Umer Bin Khaxxab