Tuesday, November 12, 2024

♻️♻️ Abuu hureeyra irraa odeeffame R.A.

 

♻️♻️ Abuu hureeyra irraa odeeffame R.A. Ergaamaan Rabbiiakkana jedhan, Ilmaan Aadam ibiddi ni gubdi bakka Sujuudaa malee, bakka sujuudaa san rabbiin ibbidarraatti haraama godhe akka hin gubane jedhan.

 

     Albaaniin #Sahiiha jedhe.

 

 ♻️ Hadiisa biraa Keessatti Aliyyi Ibnu Abi-Xaaliib R.A ni jedhe, Ergamaan rabbiiakkana jedhan, Bantuun salaataa Xaaharfachuudha, Seensi isii Takbiiraadha, hiikkaan isii salaamtaadhan jedhe.

 

  Keeyriin xiqqoo hin qabduu obboleewwan keessaniif share godha baarakallahu fiikuum🌺

 

♻️ Abuu hureeyra irraa odeeffame R.A Ergamaan rabbii ﷺ akkana jedhan, Ilmi namaa Gaafa du'aan addunyaa kana irraa boqate hojiin inni hojjatu hundi irraa dhaabbaati yoo waa sadeen tana qabaate malee jedhan.

 

1↪️Sadaqaa ykn kennaa yaatuu yoo qabaate malee.

2↪️Ilma ykn intala isaaf du'aayii kadhatu yoo qabaate malee.

3↪️Diinii barartee waan barate sana yoo barsiise malee.

 

Yaa Rabbii nama kana hundaa qabaatee addunyaa fi Ahkiraatis milkaa'u nu taasisi yaa Allah

 

♻️ Abuu hureeyra irraa odeeffame R.A Ergamaan rabbiiﷺ akkana jedhan, Wal hin hinaafinaa, wal hin waanyinaa, wal hin diiginaa, wal hin jibbinaa, waliin hin oodinaa, wal irraati wal gubbaan hin gurgurinaa, yaa gabrootaan rabbii obboleewwan ta'aa jedhan.

 

   Ammas Ergamaan rabbiiﷺ akkana jedhan, muslimni obboleewwan, isa hin miidhu isaaf tumsa malee, Isa hin kijibsiisu isa hin xiqqeessu, Sodaan as jirtii jedhan gara qoma isaaniiti yeroo sadi akeekanii.

 

♻️ Obbooleewwan isaa kan muslimaa xiqqeessun ilma namaatiif gahaadha dilii irraa.

 

  {Muslimtu Gabaaseee}

 

Yaa Rabbii obboleewwan dhugaa nu taasisi❣️☝️rouge

♻️ Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan cufti ilma namaa dilaawoodha warra toowbatee gama rabbii isaa deebi'e malee jedhan.

 

Hulaan toowbaa yeroo kamuu banaadha gama rabbii deebi'i #astagfirullah

Xiqqoo fi guddoo dilii teenyaa rabbiin nuuf haa dhiisu.

 

 

♻️ Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan, Addunyaan tuni meeshadha, Irra caalaan meeshaa Addunyaa haadha manaa saaliha/gaaridha jedhan.❣️

 

Rabbiin haadha manaa gaarii tan hin qabne aarii nu haa taasisu🤲

 

♻️ Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan warroota jaannata keessaa wanti isaan seeneessu yoo jiraate yeroo addunyaa irraatti isaan darbite qofa jedhan.

 

Addunyaa kanaraa wanti akkaan qaaliin kan takka si darbu siif hin deebine yeroodha.

Guyyaa qiyaamaa namni hundi yeroo rabbiin isaaf kenne maal irraatti akka dabarse ni gaafatama, har'a kolfaaf taphaan of dagannee gaafa san deebiin keenya mal ta'a🥺

Hedduun keenya bakka jiru of dagannee rabbiin of nu haa yaadachiisu.

 

Yaa Allah warra yeroo qabu keeyrii irraatti dabarsu nu taasisi🤲

 

♻️ ~Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan Namni ilmoo durbaa takka karaa islaamaa irraatti guddise maatii isii irraa nama 40 sababaa isiitiin jaannata seena jedhan.

 

Yaa Allah nuuf laafisi ofii qajeelee dhaloota qajeelchuu❣️

 

#moodchallenge

 

♻️ Hadiisa Abuu Zarri odeyseen Sahaabaan ergamaa Rabbii ﷺ "haasawa kamtu caala? Mee maal dubbiif filanna?" jedhanii gaafatan. Ergamaan Rabbiiﷺ "Waan(jecha) Rabbiin Malaa'ikaa ykn gabroottan isaatif file! SubhaanaLlaah wa bi-hamdih" jedhen. Muslimtu gabaase

 

- Dubbiin dubbii caaltu 'Subhaanallaah wa bi-hamdih' jechuu tana. Ergamaan Rabbiiﷺ tana ja'aa ja'anii Sahaabaaf dhaaman. Gabrichi Rabbii isaa qulqulleessee gabbaruun waan jabduudha. 'Subhaanallaah wa bi-hamdih' jechuun Rabbii keessan yaadadhaa.

♻️Hiikni, Rabbiin qulqullaawe! Faaruun isaan malte! Galatni isa haa gahu jechuudha. Uumaan samii fi dachii irra jirtu, gabroottan isaa kana akka ja'aniif Rabbiin file. Namni hoggaa 100 'SubhaanaLlaah wa bi-hamdih' ja'e, badiin isaa osoo akka hoomacha baharaa taateehillee Rabbiin ni dhiisaaf. Jechoota kanniin namni jechuu aadeeffate, gaafa Qiyaamaa nama kaanin adda tahee caalchifamee dhufa. Tokkolleen kan isa caalu hin jiru, yoo nama akka isaatti aadeeffate tahe malee.

 

عَنْ أَبِي ذَرٍّ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ    سُئِلَ أَىُّ الْكَلاَمِ أَفْضَلُ قَالَ : ‏"‏ مَا اصْطَفَى اللَّهُ لِمَلاَئِكَتِهِ أَوْ لِعِبَادِهِ سُبْحَانَ اللَّهِ وَبِحَمْدِهِ ‏"‏ .

(صحيح مسلم)

NUURALHUDAA

SOORA QALBII MUSLIMAA

 

 

 

♻️ Sheekhi Muhammad bin Usayimiin akkas jedhan,

Dhiirti bareedinaaf jecha cancala sibiilaa salaasila ⛓️🔗 mormatti rarraafatuun haraama dhorkaadha🚫

 

Mormatti wani rarraafatan dubartoota qofaaf hayyamame.

 

♻️ Ergamaan Rabbiiﷺ dhiira dubartiitti fakkaatu fi dubartii dhiiratti fakkaatuus abaaramoodha foolii jaannataa hin argan jedhan.

 

 

♻️ Anas Ibnu maalik Irraa Odeeffamee{R.A} Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan

"Nama Rabbiin jaartii saaliha {gaarii}isa badhaase rabbiin cinaa Imaanaa isaaf guutee, Cinaa hafe keessatti rabbii isaa haa sodaatuu" jedhan.

Jaartiin gaariin jaannata Imaana irratti si  gargaarti ammaas guddisa Ilmaan kee siif tolchiiti. Ilmaan kaadimtoota diin argachuuf dura haadha manaa gaarii filadhu.

 

Dubartoota keenya hundaRabbiin saalihoota nu

haa taasisu,

Dhiiroota keenyaas rabbiin haadha manaa saaliha isiin haa milkeessu!

~Ergamaan rabbiiﷺ akkana jedhan, Guyyaa Juma'aa keessa yeroo takkaatu jira tan kadhaan gabrichaa gara samii ol fuudhamtu Waan haraam hin ta'iniin.

 

Sa'aa tana keessaati xumuura cinqii teetii jalqaba gamachuu teetii rabbiin siif haa godhu.

 

  ~Yaa Rabbii ijoollee keenya mana hidhaa Saudi keessaati rakkattaniif furmaata buusi, biyya keenyaafis nagaha buusi.😢

 

#AMIIIIIIIN_YAA_RABBII

 

#IKHLAASA nu haa godhu.

 

○ Dubartiin islamaa #birciiqodhaa bakkumaa argiiteetii of hin cabsiin.

♻️ Ergamaan rabbiiﷺ akkana jedhan, Tokkoon keessan mi'aa imaanaa argachuu hin dandeessan hanga waa (3) gootanitti jedhan.

 

1)➡️Rabbii fi Rasuulaa ﷺ lubbuu ofii caalaa jaalachuu

 

2)➡️Faayidaa mataa keetif osoo hin taane rabbumaaf jecha obbooleessa kee kan muslimaa jaalachuu.

 

3)➡️Akka ibidda jahannam sodaatuuti dilii dalaguu sodaachuu.

 

♻️ Yaa Rabbii warra mi'aa imaana dhandhamee ajajjaa keetiin deemu irraa nu taasisi. (Aamiiin yaa rabbi)salawataa bufadha

Sallu Allah

#𝐍abbii_mohammedﷺ❤️✍️

~Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan, dubartiin bakka Abbaan manaa isii hin jirreetti uffata ofirraa lafa keetee akkuma barbaade uffatu, haguugi waan isii fi rabbiin jidduu jiru balleessite jedhan.

 

Yaa Allah dubartoota keenya hunda hijaaba uffachuu nuuf laafisi.

👉egga Dubifte_xumurte_Rasuula_Rabbiiﷺ_💖Irratti_salawaata_buusu_hin_dhiisin ✨🎤

 

Ergamaan Rabbii ﷺ👈 Akkana jedhan✍️

✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨

Gaaf tokko Ergamaa Rabbii ﷺ 💕utuu Aa.ishaa waliin rafuu halkkan walakkaa jibiriil mana dubaan dhufee akka warra gandda qabirii dhaqee araarama gaafatu ajaja.e Rasuulli suutaan kaanii qabirii ziyaaran akkana jedhan (Yaa Ahala Diyaar)

Yaa warra gandda kanaa jedhan Guyya biro Sahaaban gaafate maaliif warra gandda kana jette jennaan Rasuulli Rabbii ﷺ💞 qabiriin wal.cina jiru kun hunddi waliif ollaadha jedhan Kanaaf qabirii ziyaara namoota isin biraa gandda kana jiraniif ararama kadha jedhan imaana kessan jabeessiti Rifaatu duuti isinitti dhufu irraas isin jabeessiti jedhan Rasuulli Rabbii ﷺ💕 ✍️#Salluu_Aall Nabii Ikkwāāñi fiiłłãh Rabbii isniira hajjallatu jzk Allah

 

~Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan dubartiin yeroo hajjii fi umraaf harraamatte niqaaba fi waan harkatti uffattamuus uffachuun dirqamaa miti jedhan.

    {Muslimtu Gabaase}

Rabbiin hunda keenya hajjii fi umraas nu haa dhaabuu.

 

Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan, Namni baatii Ramadanaa soomanee ergasii shawwaal irraa guyyaa 6 soomane akka nama amata guutuu soomaneeti jedhan.

     {Muslimtu Gabaase}

 

Shawwaal Soomanuu hin dagatinaa

 

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan "Cubbuun Ilma Aadam Hedduun Isaa Arraba irraan Dhufa" Jedhan.

 

‏قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : ” أَكثر خَطَايا اِبن آدمَ فِي لِسانِهِ “ .[ الصحيحة ٥٣٤ ]

 

Arraba Keenya Zikrii, Keyrii Dubbachuu, Qur'aana Qara'uun Yoo Dalagne Ittiin Faayidaa Arganna. Garuu Yoo Ittiin Nama Hamatne, Kijibne, Arrabsine, fi Wantoota Rabbiin Jibbu Itti Dubbanne Sababa Azaabaaf Cubbuu Nutti Ta'a.

 

Rabbiin Nama Arraba Ofii Tikfatu Irraa Nuhaa Taasisu. #Aamiiiiin

‏﷽

۝ إِنَّ اللَّهَ وَمَلائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى

النَّبِيِّ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا

عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا ۝ ﷺ

 

صلى الله عليه وسلم.  🥰

 

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan:- Obboleessa Kee Fuula Ifaan (Seequun) Simachuun Sadaqaa Dha.

 

Nabiyyii Rabbii ﷺ Fuulli Isaanii Ni Ifa

Abdullaah Ibni Haariis (R.A) Waa’ee Rasuula

Rabbii ﷺ Yoo Dubbatan; Akkana Jedhe:-

Rasuulli Rabbii ﷺ Osoo Hin Seeqatin

Fuula Nama Biroo Gonkumaa

Ilaalanii Hin Beekan.

 

☞Obboleessa fuula gammachuutiin qunnamuun sadaqaadha.

Jechi gaariin sadaqaa dha.

toltuuttii ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguun sadaqaa dha.

اللهم صل وسلم على نبينا وحبيبنا محمد💚

#Rabbiin #Warra Waan #Dhagahetti Fayyadamu #Nu Haa #Taasisuu!

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan:- Obboleessa Kee Fuula Ifaan (Seequun) Simachuun Sadaqaa Dha.

 

Nabiyyii Rabbii ﷺ Fuulli Isaanii Ni Ifa

Abdullaah Ibni Haariis (R.A) Waa’ee Rasuula

Rabbii ﷺ Yoo Dubbatan; Akkana Jedhe:-

Rasuulli Rabbii ﷺ Osoo Hin Seeqatin

Fuula Nama Biroo Gonkumaa

Ilaalanii Hin Beekan.

 

☞Obboleessa fuula gammachuutiin qunnamuun sadaqaadha.

Jechi gaariin sadaqaa dha.

toltuuttii ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguun sadaqaa dha.

اللهم صل وسلم على نبينا وحبيبنا محمد💚

#Rabbiin #Warra Waan #Dhagahetti Fayyadamu #Nu Haa #Taasisuu!

 

 

Ergamaan rabbiiﷺ akkana jedhan, Dhugumatti rabbiin bifaa fi qabeenya keessan hin ilaalu. Garuu qalbii keessanii fi hojii keessan ilaala.

 

Yaa Rabbii keessa keenyaas nu bareechi, hojii keenya keessaas ikhlaasa nuuf kaahi.

 

  #AMIIIIIIIN_YAA_RABBII

 

Ergamaan rabbiiﷺ akkana jedhan, Dhugumatti rabbiin bifaa fi qabeenya keessan hin ilaalu. Garuu qalbii keessanii fi hojii keessan ilaala.

 

Yaa Rabbii keessa keenyaas nu bareechi, hojii keenya keessaas ikhlaasa nuuf kaahi.

 

  #AMIIIIIIIN_YAA_RABBII

Faayidaa Salawaata Nabii ﷺ Irratti Buusuu

===================================

Zeeynal Aabidiin

 

♻️Ergamaan Rabbii ﷺ Salawaata Isarratti

buusuu Ilaalchiisee akkana jedhe:

 

♻️Namni Salawaata tokko Narratti buuse Allaahan Salawaata/rahmata kudhan isarratti buusa

              ~  {Sahiiha Muslim: 384} ~~

                                  💚❤💚

♻️Hadiisa biraa Keessatti Ergamaan Rabbii ( ﷺ) akkana jedhe: Nama Salawaata tokko narratti buuse Rabbin salawaata ykn Rahmata kudhan irratti buusa, Cubbuu Isaa ykn dilii Isaa kudhantu Isarraa haqama, Sadarkaa kudhantu Isaaf ol fuudhama

    ~~{Sunana Nasa’ii: 1297}~~

                            💚❤💚

♻️Akkasuma Hadiisa biraa Keessatti Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhan "Doqna namaa jechuun nama maqaan kiyya biratti waamamee (dubbatamee) narratti Salawaata  hin buusin" jedhan. ~{ Tirmiizii}~~

 

     Mee Nutis Halkan Kabajamtuu Kana kessa

 Salawata Nabii kenyarratti Haa Buufnu~

                                💚❤  عليه افضل الصلاة والسلام .❤💚

○ Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan, Namni tokko Ahklaaqa gaariin (haalaaf amala gaariin) sadarkaa soomanaa fi nama halkaan leeylii dhaabbataa bulee argata jedhan.♡

 

Rabbiin Ahklaaqa gaarii nuuf haa kennu.

Ergamaan Rabbii ♡ﷺﷺ♡ irra Caalaan irra Jaallatamaan ilma namaaa  Akkana Jedhan📩

 

○ Namni Ayibii Obboleessa isaa ykn Obboleettii isaa kan Muslimaa Tokko sattare Rabbiin Aduniyaaf Aakiraatti isa sattara jedhan!🥰

 

Yaa Rabbi Keenya Nuqajeelchii Nun jallisinii  Kabaja nutti godhi nun salphisinii🤲

○ Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan, Nama sodaa Rabbiif jecha imimmaan buuse Ibiddi jahanaam qaama isaa irraatti haraami jedhan.

○ ~Abuu hureyraan R.A ni jedhe Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan, lafarraa iddoon rabbiin biratti irra jaalatamtuu taate masjiida❣️

   {Muslimtu gabaase!}

Ergamaan Rabbii  Nabi  Muhammad ﷺ  S.A.W akkana jedhan.

Yo dubbatte waan  Kheeyri qabu dubbadhu yoka calliisi jedhan.

 Rabbiin Arraba keenya kheerii dubbachu nuf haalafisu.

Mu,aaz Ibn Jabal. akkana jedhe Ergamaa Rabbiitti ﷺ dhaqe.

 Yaa Ergamaa Rabbii ﷺ waan ibidda irra na fagessu kan jannata na naqu naaf himaa jedheen.

Ergasi Ergamaan Rabbiiﷺ waan naan jedhan jedhe " Arraba isaani qabani arraba kee kana qabadhu waan agarte hin dubbati naan jedhani jedhe " 

 

Yeroo kana yaa Ergamaa Rabbiiﷺ. jedheen jedhe sila waan dubbannu irra ni gaafatamna jennaan .

 

,,Ergamaan Rabbiiﷺ. akkana jedhaniin "Haatikee siha dhabdu sila wanni fuulaan  ibiddatti nama kuffisu ykn( fuunyaaniin ibiddatti nama darbu) waan namni arraba isaattin jedhe jedhaniin"!

 

{ Tirmiiziitu gabaase  }

 

Yaa Rabbii Arraba keenya waan hin taane dubbachuurraa nuf eeg𝒊.😭😭😭

 

@followers

Daqiiqaa muraasa keessatti Ajrii nama qura'aana guutuu buusee argatuu ni barbaadaa?

 

~Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan Namni Qura'aana irraa suuratul #Ikhlaas yeroo sadi qara'e akka nama qura'aana guutuu qara'eeti jedhan.

 

Kanaafuu hangam yoo busy taatees suuraa tana qara'uun akkamitti sitti ulfaata.

 

Rabbiin warra qura'aanaan sadarkaan isaanii ol fuudhamte irraa nu haa taasisu❤️

 

📚📚✍Gaafa tokko Ergamaan Rabbii ﷺ  akkana jedhanii sahaaboota isaanii gaafatan, Mee eenyutuu beeka nama salaata ofii of jalaa hatu?

 

📚📚✍ Yeroo kana Sahaaboonnis yaa Ergamaa Rabbii  ﷺ Namni akkamitti salaata ofii of jalaa hata jedhanii gaafatan?

 

📚📚✍Ergamaan Rabbii ﷺ  akkana jedhanii deebisaniif, Nama salaata of jalaa hate jechuun nama  #Rukuu'aa fi #Sujuudaa keessati  duugda isaa sirnaan hin diriirsine jedhan.

 

  📚📚✍Ergamaan Rabbii ﷺ  akkana jedhan Namni salaata keessa asii fi achi ija isaa oliif gadi oofu sheyxaanatu asii fi achi isa buta jedhan.

 

  📚📚✍Wantoota salaata keessati jibbamaa ta'an keessaa,

~Salaata keessa ija ofii gara samiiti fi bitaa fi Mirga oofuun jibbamaadha.

 

📚📚✍Salaata keessa harkaan mudhii qabatanii dhaabbachu.

 

📚📚✍Salaata keessa asii fi achi ilaaluu.

 

📚📚✍Salaata keessa of hooquu, asii fi achi jechuu, huccuu ol harkisuu fi gadi harkisuun jibbamaadha.

 

  📚📚✍Ergamaan Rabbii ﷺ  akkana jedhan, Namni hedduun umrii isaa guutuu salaata irratti dabarsa garuu raka'aan takkas irraa hin qeebalamtu jedhan, Sahaaboonnis akkamitti jedhanii gaafatan?

 

📚📚✍ Ergamaa Rabbii ﷺ  akkana jedhan, Nama salaataaf fuula Rabbii dhaabbate niyyaa isaa keessatti waan biraa yaadu jedhan.😢

 

📚📚✍Yaa Rabbii nuuf laafisi salaata kushuu'aan salaatuu.

Amiiiiiiiiin Amiiiiiiiiin Amiiiiiiiiin Amiiiiiiiiin Allhummaa Amiiiiiiiiin yaa rabbii ☘☘☘☘

        🌺🌺

#Sheer walif godhaa Ahbabii fillaah jzk

Adinan Taju Mahamed  #Hordofaa

 

Ergamaan rabbiiAkkana jedhan: « Qorichi irra caalaan isin ttiin of waldhaantan: koobaa fi mukha hindiiti, ykn "qusxal bahar" dha,

 Ijoollee teessan waan laagaa irraa fuuna jettanii hin qixaaxinaa/azzabinaa "qusxi" kana fayyadamaa»

 

📔 bukaariitu gabaase. {5696}

 

qorichi lammaffaa kan rasuulli jedhan kun hawaasa keenya oromoo biratti "Qobarichoo" ykn "Mukha hindii" jedhamuun beekama.

 

يقول النبي{ﷺ} : « إنَّ أمْثَلَ ما تَدَاوَيْتُمْ به الحِجَامَةُ والقُسْطُ البَحْرِيُّ،

وقال ﷺ : لا تُعَذِّبُوا صِبْيَانَكُمْ بالغَمْزِ مِنَ العُذْرَةِ، وعلَيْكُم بالقُسْطِ. »

 

📔 الراوي : أنس بن مالك.

المحدث : البخاري.

المصدر : صحيح البخاري.

الصفحة أو الرقم: 5696.

خلاصة حكم المحدث : [صحيح

~Yaa Shamarraan teenya rabbiin sodaadhaa yoo wal jibbitaan wal dhiisuu malee ilma namaa zeeytiin hin xabasinaa😢

 

♻️Ergamaan rabbii ﷺ akkana jedhan, isiin irraa Namni dandeetii qabu haa fuudhuu hanga 4tti karaa isiniif godhamtee jirti jedhan.

 

 ~Garuu Sunnaah hordofna jedhu malee dubbiin tuni Shamarraan keenya birati hin fudhatamtu dirqimaan liqimsaa🙂

 

Kuni waan shari'aan islaamaa lafa keete waan ta'eef wal gubuun ykn of ajjeessuun shari'aa islaamaa faalleessuu hin dandeessu.

 

Furmaani jiru ati abbaa manaa keetiif haadha manaa saaliha/gaarii yoo taate innuu kan birootiif hin yaadu.

 

  ♻️Dhiirti keenyaas wanti hubachuu qabu hadiisuma hanga 4tti fuudhuun karaa isiniif godhamte jedhu kana dhagahee 4 fuudha jettanii of cinqitanii namas cinquu osoo hin taane dura takkitii karaa rabbiin isiniif hayyameen haqa ishee guutaa.👈 #THIS_IS_THE_MAIN_POINT

 

↪️ Zabana boodaa keessa fitnaan ni heddumaati jedhan Ergamaan rabbiiﷺ😢

Dhugumatti kuni fitnaa addunyaati Najjinaa Yaa Rabbii☝️

Sallu Allah Nabbii 

#Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan Namaa si Miidhee irraaa dabriif Nama  hamtuu sitti oole, Atii mo tolaa ittii ooli, Ammaas haquma dubbadhu osoo Lubbuu Kee irrattillee Taatee Jedhan

ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩ﷴﷴﷴﷴ۝ﷺﷺ۩ﷴﷴﷴ۝ﷺﷺﷺ۩

Wanti Jannata Nama Galchuu Maalii Beektu?💜✍️ #𝐒𝐚̊𝐚̊𝐥𝐥𝐮̄𝐮̄_𝐀𝐥𝐥𝐚̊𝐚̊_𝐍𝐚̊𝐛𝐢𝐢✍️💐♥️💐🆂︎🅰︎🆆︎💚🌺💚🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺

السَّـــــــــلاَم عَلَيــْـــــــكُم وَرَحْمَــــــــــةُاللهِ وَبَرَكـَـــــــــاتُه

                       ^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^ 🩵♻️💐

🌺 ✍️ #Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana jedhan📚✍️

Waan heddumminaan Namoota Jannata galchurraa gaafatamnaan akkana jedhan:

  #Sodaa Rabbiitiifi haalaaf amala toluudha.

#Waan baay'inaan ibiddaa nama galchurraa gaafatamaani ammoo

  ]#Afaanii fi qaama saalaati jedha!

               Rabiin Affanifii Qamma keenyasii Haramara nuu haa tikksuu Aamiiiin 🤲

Gara laafumaa Rasuula

keenyatu nu barsiise 𝐒 .A.𝐖 🫶❤

 𝐒𝐚̊𝐚̊𝐥𝐥𝐮̄𝐮̄ 𝐀𝐥𝐥𝐚̊𝐚̊ 𝐍𝐚̊𝐛𝐢𝐢✍️💐♥️💐🆂︎🅰︎🆆︎💚🌺💚🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺

Sallaallahu Alleeyhii🕋🕋 wassaallaam 🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺

Sallaallahu Alleeyhii🕋🕋 wassaallaam 🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺

Sallaallahu Alleeyhii🕋🕋 wassaallaam 🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺

Sallaallahu Alleeyhii🕋🕋 wassaallaam 🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺

Sallaallahu Alleeyhii🕋🕋 wassaallaam 🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺

Sallaallahu Alleeyhii🕋🕋 wassaallaam 🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺

Sallaallahu Alleeyhii🕋🕋 wassaallaam 🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺

Sallaallahu Alleeyhii🕋🕋 wassaallaam 🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺

Sallaallahu Alleeyhii🕋🕋 wassaallaam 🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋

■● Sahaaban Tokko Gara Ergamaa Rabbii♦️♦️

♻️Dhufee Akkana Jechuun Gaafate.📚📚✍️✍️

 Yaa Rasulullah Mee Gorsa Gabaabduu Taate Naaf Keennaa Jedhan  Ergamaan Rabbii Akkana Jedhaniin Salaata Kee Yeroo Salaattu Akka Nama Addunyaa Kanarraa Yeroo Dhumaatiif Godaanaa Jirutti Of-Yaadaa Salaati Jedhan Ammas Jecha Booda irratti Dhiifama Si Gaafachiisu Takka Namatti Hin Dubbatin Jedhan Ammas Wanta Harka Namoota irra Jirus ilaaltee Hin Hinaaffin Jedhan!!

 

   [[Ibnu Maajah Fi Ahmadtuu Gabaase]]

 

اللَّهُمَّ صَلِّ وَسَلِّمْ وَبَارِكْ عَلَى سَيِّدِنَا مُحَمَّد وَعَلَى آلِهِ وَصَحْبِهِ أَجْمَعِينَﷺ❤

 

#Follow_

 

♥️Ergamaan Rabbii {ﷺ} sahaabota isaaniitiin akkana jedhan "Rabbii lubbu koo harka isaa keessa jirtutti kakadhee tokkoon keessan jannata hin seentan hamma Rabbii tokkichatti ammantanitti, Ammas tokkoon keessan iimaana guutuun Rabbitti hin amanne hamma wal jaalattanitti malee" jedhan

 

Rabbiin warra wal jaalatu nu haa godhu......❣️

 

 

~Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan, Namni guyyaa qiyamaa akkaan natti aanu nama salawaata narratti buusuu heddummeesse jedhan.

Hanga feete busy taatuus salawaata buusuu hin dagatiin boru si fayyada S A W 🥰🥰

#Seeqi_seeqatuun_sadaqaa_dha😄

 

{قال رسول الله (صلى اللّه عليه وسلم) «التبسم في وجه أخيك صدقة»

🌿Ergamaan Allaaha ﷺ Akkana jedhan «Fuula obboleessa keetiitti seeqatuun Sadaqaa dha»

 

وعن أَبي ذَرٍّ رضي الله عنه قال: قَالَ لي رسول الله صلى الله عليه وسلم «لا تَحْقِرَنَّ مِنَ الْمَعْرُوفِ شَيْئًا، وَلَوْ أَنْ تَلْقَى أخَاكَ بوَجْهٍ طَلِيقٍ». رواه مسلم.

 

✍Abbaa zarrii irraa odeeffamee (R.A) Ergamaan Rabbi ﷺ Akkana naan jedhan jedhe «Toltuu irraa homa xiqqoollee hin tuffatin Osoo qunnamteelle obboleessa kee fuula diriiraadhaan👌

 

🔜Hadiisa Haati mu'umintootaa {Safiyyaa Bint Huyey } odeessite keessatti Ergamaan Rabbiiﷺ ni jedhan,

Mallatoon #shayxaanni qaama kee miidhaa jiraachuu keessaa muraasni

 

✅Qur'aana qara'uu dadhabuu

✅ZIkrii balfuu

✅Abjuu nama rifachiisu arguu  (Bineensa uumamaan namni jibbu kan miira namaa butu faa)

✅Humna humnatti qaamni namaa dadhabuu

✅Qalbii caphaa fi miirri hifannootaa namatti dhagahamu fa'a .

 

 Kanaaf sifti kun yoo nurraa mul'ate akka shayxaanaan miidhamaarru beeknee, irraa of tiksuu qabna.

Yaa Rabbii fitnaa sheyxaana jalaa najaa nu baasi.

#zikri ganamafi galgala jeedhamu qabu. Si'a(x3)

Assālamu-alaykum_wa_raḥmatu-llāhi wa barakātuh.ummaata #Muslima_hordoftota_Suna_nabii_Muhammadصلى الله عليه وسلم

#Miidhaa Hunda Irraa Of Eegin zikri

Kanan

بِسْمِ اللّٰهِ الَّذِيْ لَا يَضُرُّ مَعَ اسْمِهِ شَيْءٌ فِي الْأَرْضِ وَلَا فِي السَّمَاءِ ، وَهُوَ السَّمِيْعُ الْعَلِيْمُ.

 

Maqaa Rabbii Maqaa isaatiin dachii irrattis samii keessattis wanti miidhaa hin geessisne. Inni Hunda Dhaga'aa fi Hunda Beeka.

 

Abān b. ʿUthmān kan odeeffame ʿUthmān b. ʿAffān (raḍiy Allāhu ʿanhu) kan eere Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم akkana jedhan: “Gabrichi ganamaa fi galgala si’a sadii [kan armaan olii] jedhu hin jiru, wanti tokkollee isa hin miidhu malee.”

 

Abān mataan isaa bifa laamsha'uu tokkoon waan qabameef namichi isa ilaaluu jalqabe. Abaan akkana jedheen: “Maaliif na ilaalta? ḥadīth akkuma ani isinitti odeessedha, guyyaa tokko hin qara’in, Rabbiin immoo murtee Isaa narratti fide malee.” (Tirmidhī 3388)

 

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم akkana jedhan: “Namni [kan armaan olii] si’a sadii (galgala) dubbate, hanga ganamaatti balaa tasaa hin rakkatan. Namni ganama si’a sadii dubbate, hamma galgalaatti balaa tasa hin dhiphatan.” (Abū Dāwūd5088)

#friends #followers #foryoupage #everyonefollowers @highlight

#highlights #page #Muslims

 

Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhe:- Rabbiin

Keenya halkan gara dhumaatti tokko sadaffaan yommuu hafu halkan hundaa gara samii duniyaatti bu’uun, ni jedha, ‘Eenyutu Na kadhata, isaaf Nan awwaadhaa; Eenyutu waa Na gaafata, Nan kennaafii; Eenyutu araarama Narraa barbaada, Nan araaramaafii?

 

Osoo hundi keenya qajeellee waan tahu beytuu?

 

Ajaa'iba. Osoo dhugaan waan ergamaan Rabbiiﷺ nuttiin dhufe qalbiin teenya amantee, osoo dhugaan ajaja Rabbii fudhannee waan dhoorkamnerraa fagaannee silaa qananii guddoo keessa seenna. Samiin Rooba dhangalaaftee, dachiin midhaan gaarii adda addaa nuuf biqilchiti. Silaa nagaya argannee mi'aa jiruu dhamdhamna. Garuu namni hedduun waan ergamaan Rabbiiﷺ dhufeenitti hin amanne. Didee, kijibsiisee jillinaaf utaala. Badiin hojjennu deebitee numa sakaalti. Kanaaf badii ifumaa hojjanneen qabamnee rakkoo hamtuutti mucucaataa oolla. Mee Aayata Suuraa A'araaf kana qalbisaa. Rabbiin guddaan akkas jedha

وَلَوْ أَنَّ أَهْلَ الْقُرَىٰ آمَنُوا وَاتَّقَوْا لَفَتَحْنَا عَلَيْهِم بَرَكَاتٍ مِّنَ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ وَلَٰكِن كَذَّبُوا فَأَخَذْنَاهُم بِمَا كَانُوا يَكْسِبُونَ

 

وَلَوْ أَنَّ أَهْلَ الْقُرَىٰ آمَنُوا وَاتَّقَوْا لَفَتَحْنَا عَلَيْهِم بَرَكَاتٍ مِّنَ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ وَلَٰكِن كَذَّبُوا فَأَخَذْنَاهُم بِمَا كَانُوا يَكْسِبُونَ *

Osoo warri magaalattii amanee (Rabbi) sodaatee, silaa dhugumatti Nuti samii fi dachiirraa Barakaawwan isaaniif banna turre. Garuu isaan (ergamaa Rabbii) ni sobsiisan. Kanaaf waan isaan hojjetaniin isaan qabne.

 

Rabbiin nuu haa qajeelchu!

 

Nuuralhudaa

Soora Qalbii Muslimaa

 

 

 

 

 

No comments:

Post a Comment

Markaz Umer posts

Barnoota fi Seenaa kutaa 1ffaa

 Barnoota Fi Seenaa Nabii Muhammad Barnoota fi Seenaa Kut-1ffaa  Kutaa 1ffaa✅ ================================ 1✍️Rasuulli (ﷺ) Gama eenyuutt...

Markaz Umer Bin Khaxxab