Wednesday, November 13, 2024

Barnoota fi Seenaa kutaa 1ffaa

 Barnoota Fi Seenaa

Nabii Muhammad Barnoota fi Seenaa Kut-1ffaa

 Kutaa 1ffaa✅

================================

1✍️Rasuulli (ﷺ) Gama eenyuutti ergamee ?

Deebiin👉ilmaa Namaatti Fi jinniti ergamee.


2✍️dhaloota Nabii lisaa irraa bara hangaam turree ergamee Rasuulli (ﷺﷺ)

Deebiin👉Ganna dhiibba jahaaf Kudhan.


3✍️Ganna meeqa Rasuulli (ﷺﷺ) dhoksaan Namaa karaa Rabbii irraatti waamaa turree ?

Deebiin👉Ganna sadii (3).


4✍️Bakkii dhoksaan Rasuulli (ﷺﷺ) Makkaa keessatti itti Namaa waamaa turaan eessa ?

Deebiin👉Daarul arqam binu abil arqam.


5✍️Rasuulli (ﷺﷺ) warra Makkaan dawaa eessatti walitti qaban ?

Deebiin👉Gaara safaa jaalatti.


6✍️Maqaan Umraa Rasuulaa (ﷺﷺ) Fi muslimtoonni waliin dhabbatan maali jedhama ?

Deebiin👉Umratul Qadaa'a (Umraa kaffaltiitti).


7✍️islaamummaa keessatti namnii Lubbuu yeroo jalqaabaaf furee eenyuu ?

Deebiin👉Aliyyii ilmaa Abii xaaliib.


8✍️Maleeykaan Rasuulatti (ﷺﷺ) ergaa fiduu kamii ?

Deebiin👉Jibriil.


9✍️ijoolleen Rasuulaa (ﷺﷺ) meeqa ?

Deebiin👉Torbaa (7) Sadii dhiiraa, Afur immoo Dubartoota.


10✍️ijoollee ykn ilmaan Rasuulaa (ﷺﷺ) tarreessi ?

Deebiin👉1👉Qaasiim

                  2👉Zeeynabaa

                  3👉Ruqiyyaa

                  4👉Ummu kulsum

                  5👉Faaxumaa

                  6👉Abdaallaa

                  7👉ibraahimii.


Rabbiin warra baratee wal barsiisuu nuu Haa taasiisuu yeroo dubbiftee xumurtee Obboleeyyaan keenyaaf share gochuu hin dagaatina Hadaraa jzk❤️


Yaanni keessaan Nuu ijaaraa nuu cimsaa Hamiilee nuuf Keennaa wan taheef yaada keessaan Comment_jalattti Barreessa!


Gaaffiin keenyaa kutaa 2ffaan itti fufaa

Yaada Fi Gaaffii qabdaan karaa

Bilbilaa 0920911438 Fi karaa

Miiseejittiin nuu biraan gahaa!

Barnoota Fi Seenaa

Nabii Muhammad (ﷺﷺﷺ)♥️💯

Share share share Waliif gochuun

Obboleeyyaan keenyaa Biraan Gahaa!

===============================

                   Kutaa 2ffaa✅

===============================

1✍️Eenyuu Durri Namaa Hulaa jannataa dhadhawuu ?

Deebiin👉Rasuulaa (ﷺﷺ).


2✍️Namnii duraa Seenaa Rasuulaa (ﷺﷺ) Barreesse eenyuu ?

Deebiin👉Urwaa ilmaa Zubeeyriti.


3✍️Walaleessaan Rasuulaa (ﷺﷺ) eenyuu ?

              Deebiin👇

        1👉Hassan ilmaa Saabitti

        2👉Abdallaa ilma Rawaahaa

        3👉Ka'ab ilmaa Maalikii.


4✍️Rasuulli(ﷺﷺ) Makkaan cabsuuf madiinaa irraa yoom bahaan ?

Deebiin👉Asrii boodaa, ji'a kurnaffaa, Baatii Ramadaanaa, Ganna saddaffaa hijraa irraa.


5✍️Rasuulli (ﷺﷺ) Gaafa Qubaa'iin dhufaan eenyuu biraa qubatan ?

Deebiin👉kulsum ilmaa Hadm, manguddoo banii amrii ilmaa oowfii kan tahee.


6✍️Du'aaiin Rasuulli (ﷺﷺ) yeroo gara faatiih Makkaa deeman kadhatan maali ?

Deebiin👉yaa Rabbii ijaa Fi gurra isaanii nurraa qabii, akka nuu hin arginee Fi hin dhageenye eegga nutii isaan rifachiifnee malee.


7✍️Masjiinni Rasuulaa (ﷺﷺ) kabajamaan yoom ijaaramee ?

Deebiin👉Hijraa irraa ganna tokkoffatti.


8✍️Maqaan haadhaa Rasuulaa(ﷺ) eenyuu ?

Deebiin👉Aamina intaala wahaab ilmaa Abdimanaaf ilmaa zahraa intaala sa'iid banii zuhraa.


9✍️Maqaan guutuun hoosiftuu Rasuulaa(ﷺ) Halimatul sa'adiyya eenyuu ?

Deebiin👉Haalima intaala Haaris.


10✍️Durri Namaa Qur'aana Qara'ee Rasuulaa (ﷺ) boodaa eenyuu ?

Deebiin👉Kadiijaa intaala kuweyliid.


Rabbiin warra baratee wal barsiisuu nuu Haa taasiisuu yeroo dubbiftee xumurtee Obboleeyyaan keenyaaf share gochuu hin dagaatina Jaazakumullaahuu Kheeyraan ❤️


Yaanni keessaan nuu ijaaraa nuu cimsaa, hamiilee nuuf Keennaa wan taheef yaada keessaan 👉Comment jalattti Barreessa! 

miseensa haara warri taatan 

garee kana jion godha hiriyoota keessan affeeraa ❤️❤️👍


Barnoota Fi Seenaa

Nabii Muhammad (S.A.W)♥️💯✅

Share share share Waliif gochuun Obboleeyyaan keenyaa Biraan gahuun Dirqaama!

===============================

                Kutaa 3ffaa✅

===============================

1✍️Barri Rasuulli (S.A.W) dhalatan maaliif bara Arbaa jedhamee ?

Deebiin👉Bara Abrahaan Arba yaabbatee kaabaa diiguuf dhufee Rasuulli (S.A.W) wan dhalataniif.


2✍️Duulli Rasuulli (S.A.W) Baatii Ramadaanaa keessaa duulaan meeqa ?

Deebiin👉Lama (2) isaaniis Lola badrii Fi faatiih Makkaatti.


3✍️Manni Rasuulaa (S.A.W) madiinaa keessatti meeqa ?

Deebiin👉mana sagal (9).


4✍️Gaafa Rasuulli (S.A.W) Lubbuun jiran Masjiidaa meeqatu madiina keessa jira ?

Deebiin👉Masjiida isaa waliin kudhanii (10).


5✍️Waardiyyaan Rasuulaa (S.A.W) eenyuu fa'a hangaa Gaafa Rabbiin (S.A.W) anatuu Si eegga jedheenitti ?

Deebiin👉1👉Sa'aad ilmaa mu'aaz

                  2👉Muhammad ilma maslama

                  3👉Zubeeyri ilmaa Awwam.


6✍️Gaafa kam Rasuulli (S.A.W) ani Nabiyyiidha hin kijbuu, anii ilmaa Abdulmuxxaliib jedhee dhaadate ?

Deebiin👉Gaafa duulaa Huneeyniiti.


7✍️Nabiyyootarra kan haala Fi bifaanis Rasuulaa (S.A.W) fakkaatu eenyuu ?

Deebiin👉Nabii ibraahim (AS).


8✍️Rasuulaa (S.A.W) Fi Abbaan bakrii guyyaa kam fa'a goda sowrii keessaa turaan ?

Deebiin👉1👉Halkaan Jumm'aa

                  2👉Halkaan sanbataa

                  3👉Halkaan dilbataa.


9✍️Gaafa Aa'ishaa fuudhaan Umriin Rasuulaa (S.A.W) meeqa ?

Deebiin👉Ganna shantamii Afur (54).


10✍️Namnii ollaa Rasuulaa (S.A.W) Fi Abbaa bakriitti awwaalamee eenyuu ?

Deebiin👉Umar ilmaa kaxxab.


Rabbiin warra baratee wal barsiisuu nuu Haa taasiisuu yeroo dubbiftee xumurtee Obboleeyyaan keenyaaf share gochuu hin dagaatina Hadaraa jzk❤️


Yaanni keessaan Nuu ijaaraa nuu cimsaa, hamiilee nuuf Keennaa wan taheef yaada keessaan 👉Comment jalattti nutii Qusaatiina silaa Yaaddumanilee wal jajjabeessuun kun hin jiruu!


Gaaffiin keenyaa kutaa 4ffaan itti fufaa

Yaada Fi Gaaffii qabdaan Yã Rasul Åfqârî ÑáYã Rasul Åfqârî Ñáñy Yã Rasul Åfqârî ÑáñyoYã Rasul Åfqârî ÑáñyhYã Rasul Åfqârî Ñáñyuuf laadha


Barnoota Fi Seenaa

Nabii Muhammad (ﷺﷺﷺ)♥️💯

Share share share Waliif gochuun

Obboleeyyaan keenyaa Biraan Gahaa!

                 Kutaa 4ffaa✅

1✍️Salaanni yoom dirqaama godhamte ?

Deebiin👉Gaafa Rasuulli(ﷺ) samii ol bahaan.

2✍️Rasuulli (ﷺﷺ) ergaa ergamaanii boodaa ijoollee dhiiraa meeqa argatan ?

Deebiin👉ijoollee (2) isaaniis ibraahim Fi Abdaallaadha.

3✍️Jalqabaa namnii salaamta islaamummaa Rasuulaa (ﷺﷺ) irraatti Qara'ee eenyuu ?

Deebiin👉Abu Zarri Al Gifaariyu.

4✍️Maaliif maqaan Abdaallaah ilmii Rasuulaa (ﷺﷺ) Kan Qoosaa Xayyibii Fi xaahiir jedhamee yaamee ?

Deebiin👉wan ergaa Rasuulli(ﷺﷺ) ergamaanii boodaa dhalateef.

5✍️intaalii Rasuulaa (ﷺﷺ) tan duraa heerumtee eenyuu ?

Deebiin👉Zeeynabaadha.

6✍️ijoollee Rasuulaa(ﷺﷺ) keessaa dubbii Fi bifaanillee tan isaa fakkaatu eenyuu ?

Deebiin👉Faaxumaadha.

7✍️irraa caaltuun jaartii Rasuulaa(ﷺ) tamii ?

Deebiin👉Kadiijaa intaala kuweyliid.

8✍️Kadiijaan niitin Rasuula(ﷺ) yoom duutee ?

Deebiin👉Baatii Ramadaanaa hijraa duraa ganna saddaffaatti (3).

9✍️Adaadaawwan Rasuulaa (ﷺﷺ) kan islaamawwan eenyuu fa'a ?

Deebiin👉Safiyyaa Arwaa Fi Aatikaadha.

10✍️Gaafa hijraa bahaan Rasuulli(ﷺﷺ) umrii meeqa ?

Deebiin👉Umrii shantamii sadii (53).

Rabbiin warra baratee wal barsiisuu nuu Haa taasiisuu yeroo dubbiftee xumurtee Obboleeyyaan keenyaaf share gochuu hin Dagaatina jaazakumullaahuu Kheeyraan❤️

Yaanni keessaan Nuu ijaaraa nuu cimsaa,

Hamiilee nuuf Keennaa wan taheef yaada keessaan 👉(Comment) jalattti Barreessa!

Gaaffiin keenyaa kutaa 5ffaan itti fufaa

Barnoota Fi Seenaa

Nabii Muhammad (ﷺﷺﷺ)♥️💯

Share share share Waliif gochuun

Obboleeyyaan keenyaa Biraan Gahaa!

===============================

                 Kutaa 5ffaa✅

===============================

1✍️Kolfii Rasuulaa (صلى الله عليه وسلم) maali ?

Deebiin👉Seequudha.


2✍️Durri Bakki Rasuulli (صلى الله عليه وسلم) itti namaa waamee Makkaan alatti eessa ?

Deebiin👉Xaa'if.


3✍️Maali maqaan yaabbii gaafa Rasuulli (صلى الله عليه وسلم) Samii olbahee yaabbatee ? 

Deebiin👉Buraaqi.


4✍️Namnii Rasuulli (صلى الله عليه وسلم) ati obboleessa kiyya, kan duniyaa fi aakiraati jedheen eenyuu ?

Deebiin👉Aliyyii ilmaa Abii xaaliib.


5✍️Hijraan dura maqaan Madiinaa eenyu ture? 

Deebiin👉Yasriibaa.


6✍️Maqaawwan Madiinaa tarreessi ?

            Deebiin👉Isaanis

                          👇

    1👉Madiinatul Munawwaraa. 

    2👉Yasriib. 

    3👉Xeeybaa 

    4👉Xaabaa. 

    5👉Ardul Muhaajir. 

    6👉Hasiinatu. 

  7👉Madiinatu Rasuul (صلى الله عليه وسلم). 

    8👉Aakilaatul Quraa Walbuldaan. 

    9👉Jaabiratu. 

   10👉Al-mubaarakatu. 

   11👉Al-baarratu. 

   12👉Al-azraa’u. 

   13👉Al-miskiinatu. 

   14👉Madja’u Rasuuli ﷺ.

   15👉Qariyatul Ansaarii.


7✍️Namnii Rasuulli (صلى الله عليه وسلم) iccitii itti dhooyfaattu eenyuu ?

Deebiin👉Huzeeyfaa ilmaa Yamaan.


8✍️Rabbiin Maqaa Nabii Muhammad (صلى الله عليه وسلم) Akkaamitti ol fuudhee ?

Deebiin👉Azaana Keessaatti Maqaan Rabbii fi kan Nabii Muhammad (صلى الله عليه وسلم) Waliin Dubbatamuudhan.


9✍️Rasuulli (صلى الله عليه وسلم) yeroo kam I’itikaafa taa’a ?

Deebiin👉Baati Ramadaana Kurnaan boodatti.


10✍️Kitaabilee Seenaa Rasuulaa (صلى الله عليه وسلم) dubbatan keessaa kan zamana ykn yeroo amma Keessa barreeffaman shan tareessi ?

                👉Deebiin 5ni

                              👇

1👉Fiqhu Siiraa. - kan Sheek Muhaammad Gazaaliin Barreesse.


2👉Fiqhu Siiraa. - kan Buuxiin Barreesse.

 

3👉Nuurul Yaqiin. - kan Muhaammad Kudriin Barreesse.


4👉Rahiiqul Maktuum. -kan Mubaarak Fuuriin 

                       Barreesse.

5👉Kaatamuu Nabiyyiin (صلى الله عليه وسلم) kan Muhaammad Abuu Zahraan Barreesse.


Rabbiin warra baratee wal barsiisuu nuu Haa taasiisuu yeroo dubbiftee xumurtee Obboleeyyaan keenyaaf share gochuu hin dagaatina Jaazakumullaahuu Kheeyraan❤️


Yaanni keessaan Nuu ijaaraa nuu cimsaa,

Hamiilee nuuf Keennaa wan taheef yaada keessaan 👉(Comment) jalattti Barreessa!


Gaaffiin keenyaa kutaa 6ffaan itti fufaa

Yaada Fi Gaaffii qabdaan karaa

Bilbilaa 0920911438 Fi karaa

Miiseejittiin nuu biraan Gahaa!!

Barnoota Fi Seenaa

Nabii Muhammad (ﷺﷺﷺ)♥️💯

Share share share Waliif gochuun

Obboleeyyaan keenyaa Biraan Gahaa!

===============================

                 Kutaa 6ffaa✅

===============================

1✍️Rasuulli (صلى الله عليه وسلم) eegga Madiinaa dhaqee bara kam keessa Hajjee ?

Deebiin👉Hijraa irraa ganna kurnaffaatti (10), Isiinis Hajjatul wadaa'i jedhaamti.


2✍️Hijraa iraa Ganni Lammaffaan maal jedhaamti ?

Deebiin👉Baraa Hayyamaa jedhaamti (Achii keessaa Rabbiin Mu'umintootaaf Lola Hayyamme). 


3✍️Rasuulli (صلى الله عليه وسلم) umraa godhuuf yeroo duratiif Madiinaa irraa yoom bahee ?

Deebiin👉Guyyaa Wiixaataa, Baatii Zilqi'idaa Hijraa irraa ganna jahaffatti (6). 


4✍️Sahaabtichi ijji lamaan keessaa yaate Rasuulli (صلى الله عليه وسلم) deebiseef eenyuu ?

Deebiin👉Qataadaa ilmaa Nu'umaan.


5✍️Rasuulli (صلى الله عليه وسلم) Hasani fi Huseenin maal jedhani maqaa qoosaa Baasaniif ? 

Deebiin👉Shabaaba Laman jannataa jedhaniin.


6✍️Hasan ilmii Aliyyii yoom dhalatee ?

Deebiin👉Baatii sha’abaanaa hijraa irra ganna afraffaa (4) keessa dhalatee. 


7✍️Abddallahin Abbaan Rasuulaa (صلى الله عليه وسلم) gaafa du’u umriin isaa meeqa ?

Deebiin👉Kudhaa Saddeeti (18).


8✍️Abul Masaakiin jedhamee Kan beekkamu eenyuu ? 

Deebiin👉Jaafar ilmaa Abbaa Xaaliib.


9✍️Maalif dhaame akaakayyuun Rasuulaa (صلى الله عليه وسلم) Nabii Muhammadin akka guddisu Abuu Xaalibitti yeroo du’u ?

Deebiin👉Waan Abbaan Rasuulaa (صلى الله عليه وسلم) Fi Abuu xaaliib Garaa tokko tahaniif.


10✍️Sahaabtichi Rasuulli (صلى الله عليه وسلم) maqaa qoosa qaari’ee jedheen Akkasuumas Kan imaama masjiida Qubaa’ii isaa godhee eenyuu ?

Deebiin👉Sa'aad ilmaa Ubeeydii,Kan Gosaa Ansaara irraa ta'ee.


Rabbiin warra baratee wal barsiisuu nuu Haa taasiisuu yeroo dubbiftee xumurtee Obboleeyyaan keenyaaf share gochuu hin dagaatina Jaazakumullaahuu Kheeyraan❤️


Yaanni keessaan Nuu ijaaraa nuu cimsaa,

Hamiilee nuuf Keennaa wan taheef yaada keessaan 👉(Comment) jalattti Barreessa!


Gaaffiin keenyaa kutaa 7ffaan itti fufaa

Yaada Fi Gaaffii qabdaan karaa

Bilbilaa 0920911438 Fi karaa

Miiseejittiin nuu biraan gahaa!

Barnoota Fi Seenaa

Nabii Muhammad (ﷺﷺﷺ)♥️💯

Share share share Waliif gochuun

Obboleeyyaan keenyaa Biraan Gahaa!

===============================

               Kutaa 7ffaa✅

===============================

1✍️irraa hedduun sahaabaa Rasuulaa(ﷺﷺ) kan Hadiisaa odeessan tarreessi?

                Deebiin👇

        1👉Abu Hureeyraa- Hadiisaa 5374

     2👉Abdallaa ilma Amrii-Hadiisaa 2630 

     3👉Anas ilmaa Maalik-Hadiisaa 2286

    4👉Aa'ishaa intaala abbaa bakrii-

               Hadiisa (2210)

   5👉Abdallaa ilma Abbas- Hadiisa 1660

  6👉Jaabirii ilma Abdallaah-Hadiisa 1540

  7👉Abuu sa'iid kudriyyii-Hadiisaa 1170

  8👉Jara kanaa ol kumaan kan odeesse hin jiru.


2✍️Obboleeyyaan Rasuulaa (ﷺﷺ)  kan Hoosisaa eenyuu fa'a ?

               Deebiin👇

Kan Suweybaan hoosiftee Sadii (3)

             1👉Hamzaa

       2👉Abusalamaa ilmaa Abdul Asad

       3👉ilmaa ishee Masruuhi

 Kan Haliimaan hoosiftee immoo Afur (4)

         1👉Abdallaah ilmaa Haaris

         2👉Abuu Suufiyaan ilmaa Haaris

         3👉Kuzaama ykn sheeymaa

         4👉Aniisaa intaala Haaris.


3✍️Leenci Rabbii kan injifata te'e eenyu ?

Deebiin👉Aliyyii ilmaa Abbaa Xaaliib.


4✍️Gaafa Abbeerran isaa Abbaas islaamaye Rasuulli (ﷺﷺ) gammaddanii maal dalagaan ?

Deebiin👉Gabra isaa kan Abuu Raafii jedhamu bilisoomsan.


5✍️Maali Araarri Rasuulaa (ﷺﷺ) Qureeyshin waliin godhee ?

Deebiin👉Sulhii Hudeybiyyaa (Araara Hudeybiyyaati).


6✍️Durri gosaa yahuudaa tan Rasuulli(ﷺﷺ) madiinaa keessaa baasan tamii ?

Deebiin👉Yahuudaa banii Qeeynuqa'a.


7✍️Lakkoofsi Arbaa kan Abrahaan kaabaa cabsuuf yaabbate dhufee meeqa?

Deebiin👉Arbaa Kudhaa sadii (13).


8✍️Mana Rasuulli (ﷺﷺ) makkaa Fi Madiinatti keessaa qubatan tarreessi ?

             Deebiin👇

     1👉Mana Abbaa isaanii= Makkaatti

     2👉Mana Halimatul sa'adiyya= Makkaa Fi Xaa'if gidduutti kan argamuu

     3👉Mana Akaakayyuu isaa Abdulmuxxaliib= Makkaatti

    4👉mana abbeeraa isaa Abii xaaliib= Makkaatti

    5👉mana Kadiijaa= dhihoo Makkaatti

    6👉mana Abii Ayyuubal Ansaarii= hijraa boodaa Madiinatti

   7👉mana isaatiifi Niitiiwwan isaati.


9✍️Rasuulli (ﷺﷺ) ergamaanii waggaa kurnaffaatti maaltu argamee ?

Deebiin👉Aamul Huzni (bara gaddaati) sababnii isaas abbeeraa Fi jaartiin isaanii wan irraa du'aniif.


10✍️Gaafa Abbaan du'u umriin Rasuulaa(ﷺ) meeqa ?

Deebiin👉Garaa haadhaa jira.


Rabbiin warra baratee wal barsiisuu nuu Haa taasiisuu yeroo dubbiftee xumurtee Obboleeyyaan keenyaaf share gochuu hin dagaatina Hadaraa jzk❤️


Yaanni keessaan Nuu ijaaraa nuu cimsaa, Hamiilee nuuf Keennaa wan taheef yaada keessaan 👉Comment jalattti Barreessa!


Gaaffiin keenyaa kutaa 8ffaan itti fufaa

Yaada Fi Gaaffii qabdaan karaa

Bilbilaa 0920911438 Fi karaa

Miiseejittiin nuu biraan gahaa!

Barnoota Fi Seenaa

Nabii Muhammad (ﷺﷺﷺ)♥️💯

Share share share Waliif gochuun

Obboleeyyaan keenyaa Biraan Gahaa!

===============================

           Kutaa 8ffaa✅

===============================

1✍️Rasuulli (ﷺﷺ) yoom dhalatee ?

Deebiin👉Dhaloota lissaa irraa waggaa dhibbaa shaniifi torbatamii tokko (571).


2✍️Rasuulli (ﷺﷺ) eessatti dhalatee ?

Deebiin👉Biyyaa Makkaa Haramfama (gaara) banii Haashiim keessatti dhalate.


3✍️Rasuulli(ﷺ) Obboleewwan meeqa qaba ?

Deebiin👉Obboleewwan hin qabuu.


4✍️Maqaa Rasuulaa (ﷺﷺ) keessaa tokkoo maqfii jedhama hiikkaan isaa hoo maali ?

Deebiin👉Booddee Nabiyyotaa jechuudha.


5✍️Namnii Guyyaa Qiyaama Alaabaa faaruu baatuu eenyuu ?

Deebiin👉Nabii Muhammad (ﷺﷺ).


6✍️irraa hedduun kadhaa Rasuula(ﷺ) maali ?

Deebiin👉Yaa Muqallibal Quluub sabbit qalbii alaa Diinika= yaa garagaggalchaa qalbiiwwanii, Qalbii koo Diinii irraatti gadii dhaabii jechuudha.


7✍️Dubartoota keessaa Lammaffaarratti tan islaamoftee eenyuu ?

Deebiin👉Ummul Fadlii (jaartii Abbaas ilmaa Abdulmuxxaliib) tan taatee.


8✍️Akaakayyuun Rasuulaa (ﷺﷺ) Abdulmuxxaliib isaa eenyuu ?

Deebiin👉Sheeybaadha.


9✍️Namnii Eelaa Zamzamaa bara 540 Dhaloota lissaa irraa eegga isiin cufatte boodaa banee eenyuu ?

Deebiin👉Abdulmuxxaliib Akaakoo Rasuulaa (ﷺﷺ) kan te'e.


10✍️Umriin Aa'ishaa Gaafa Rasuulli (ﷺﷺ) Fuudhuu meeqa ?

Deebiin👉Ganna sagal (9).


Rabbiin warra baratee wal barsiisuu nuu Haa taasiisuu yeroo dubbiftee xumurtee Obboleeyyaan keenyaaf share gochuu hin dagaatina Jaazakumullaahuu Kheeyraan❤️


Barnoota Fi Seenaa

Nabii Muhammad (ﷺﷺﷺ)♥️💯

Share share share Waliif gochuun

Obboleeyyaan keenyaa Biraan Gahaa!

================================

                   Kutaa 9ffaa✅

================================

1✍️Mujizaa Rasuulaa (ﷺﷺ) irraa Shan himi ?

              Deebiin👇

   1👉Qur'aanul Kaariim

2👉Al-israa'u wal-miraju (samii ol bahuu)

3👉inshiqaaqul qamari (jiinni bakkaa Lamattti dhooyuu) dha

4👉Nab'ul maa'i minbeeyni Asaabi'iin (bishaan jidduu quba isaatiin ba'uu ykn yaa'uudha)

5👉Tasbiihul Hasaa fiiyadihii (ﷺﷺ) (Cirrachi harkaa isaa keessatti Rabbiin Qulqulleessudha.


2✍️Eenyuu Namnii Rasuulaaf (ﷺﷺ) Maqaa Muhammad jedhamu baaseef ?

Deebiin👉Akaakayyuu isaa Abdulmuxxaliib.


3✍️Maqaan qoosaa kan warri makkaa osoo Rasuulli(ﷺﷺ) hin ergaamiin baasaniif maali ?

Deebiin👉Saadiqul Amiin (Amanamaa jechuudha.


4✍️Hijraan Rasuulaa (ﷺﷺ) Guyyaa meeqa itti fudhatee ?

Deebiin👉Guyyaa Saddeet (8).


5✍️Kadiijaan Ganna meeqa Rasuulaa(ﷺﷺ) waliin jiraatee ?

Deebiin👉Ganna diigdamii jaha (26).


6✍️Abbeerota Rasuulaa (ﷺﷺ) keessaa kan isaan diinaa eenyuu ?

Deebiin👉Abulahaab.


7✍️Habboowwan Rasuulaa(ﷺ) eenyuu fa'a ?

Deebiin👉Fariisaa Fi Faakita fa'a.


8✍️Deesiftuun Rasuulaa (ﷺﷺ) tamii ?

Deebiin👉Shafa'aa haadhaa Abdulrahmaan ilmaa oowfii tan taatee.


9✍️Dubartoonni Rasuulaa (ﷺﷺ) Hoosiftee eenyuu fa'a ?

Deebiin👉Ayyoo isaa, Suweybaa gabritti Abbaalahaab, Haliimatu sa'adiyyaa.


10✍️Gaafa Haati isaa duutuu Rasuulli(ﷺﷺ) umriin isaa meeqa ?

Deebiin Ganna jaha (6).


Rabbiin warra baratee wal barsiisuu nuu Haa taasiisuu yeroo dubbiftee xumurtee Obboleeyyaan keenyaaf share gochuu hin dagaatina Jaazakumullaahuu Kheeyraan❤️


Yaanni keessaan Nuu ijaaraa nuu cimsaa, Hamiilee nuuf Keennaa wan taheef yaada keessaan 👉Comment jalattti Barreessa!


Gaaffiin keenyaa kutaa 10ffaan itti fufaa

Yaada Fi Gaaffii qabdaan karaa

Bilbilaa 0920911438 Fi karaa

Miiseejittiin nuu biraan gahaa!

Barnoota Fi Seenaa

Nabii Muhammad (ﷺﷺﷺ)♥️💯

Share share share Waliif gochuun

Obboleeyyaan keenyaa Biraan Gahaa!

================================

          Kutaa 10ffaa✅

================================

1✍️Ergamaan Rabbii yeroo meeqa Umraa godhee ?

              Deebiin👇

             Afur isaanis👇

 1👉Umratul Hudeybiyyaa- Hijraarraa ganna jahaffaa (6)

 2👉Umratul Qadaa'a- Hijraarraa ganna torbaffaa (7)

 3👉Umratul ji'iraanata- Hijraarraa ganna sagalaffaa (9)

 4👉Umraa Hajjiin walitti qabee- Hijraarraa ganna kurnaffaa (10).


2✍️Lakkoofsi Mu'umintoota kan Nabii Muhammad (ﷺﷺ) wajjjin Hajjii dhaammannaa dhufaanii meeqa ?

Deebiin👉Mu'umintoota Kumaa dhiibba tokko (100.000).


3✍️Masjiinni Rasuulaa (ﷺﷺ) jalqabaa Madiinatti ijaaramee isaa kamii ?

Deebiin👉Masjiidaa Qubaai'i.


4✍️Gaafa kaabaa ijaaraan umriin Rasuulaa (ﷺﷺ) meeqa ?

Deebiin👉Ganna soddomii Shan (35).


5✍️Eenyuu Amanamaan Rasuulaa (ﷺﷺ) Chaapaa isaa irraatti ?

Deebiin👉Ma'iiqiib.


6✍️Rasuulli (ﷺﷺ) Baatii Ramadaanaa meeqa soomee ?

Deebiin👉Sagal (9).


7✍️Eenyuu Amanamaan Rasuulaa (ﷺﷺ) Qallaba isaa irraatti ?

Deebiin👉Bilaal ilmaa Rabaah.


8✍️Eenyuu gargaaraan Rasuula (ﷺﷺ) ?

Deebiin👉Zubeeyri ilmaa Awwam.


9✍️Eenyuu Amanamaan Rasuulaa (ﷺﷺ) dubartii isaanii irraatti ?

Deebiin👉Abdurahamaan ilmaa oowfii.


10✍️Mu'azzinni ykn Lallaaban beekkamaan Nabii Muhammad (ﷺﷺ) eenyuu ?

Deebiin👉Bilaal ilmaa Rabahaati.


Rabbiin warra baratee wal barsiisuu nuu Haa taasiisuu yeroo dubbiftee xumurtee Obboleeyyaan keenyaaf share gochuu hin dagaatina Jaazakumullaahuu Kheeyraan❤️


Yaanni keessaan Nuu ijaaraa nuu cimsaa, Hamiilee nuuf Keennaa wan taheef yaada keessaan 👉Comment jalattti Barreessa!


Gaaffiin keenyaa kutaa 11ffaan itti fufaa

Yaada Fi Gaaffii qabdaan karaa

Bilbilaa 0920911438 Fi karaa

Miiseejittiin nuu biraan gahaa!


WAA'EE UMMATA ISLAAMAA KANA BEKTUU LAATA?

 

YAA UMMATA ISLAAMAA KANA BEKTUU LAATA?

Yoo beeytaniis Garuu Yaadachisa isiniif haa tahuu

 

Mu’ujizaa (miracle) Qur’aanaa irraa Kana beektuu laata?

=

From the Miracles of holy quran! Qur’aana keessatti

=

 jechi “Duniyaa” jedhu yeroo 115 yommuu ibsamu jechi “Aakhiraa” jedhus yeroo 115 ibsamee jira.

=

○ Qur’aana keessatti jechi “Maleeykaa” jedhu yeroo 88 yommuu ibsamu jechi “Sheyxaana” jedhus yeroo 88 ibsamee jira.

=

Qur’aana keessatti jechi “namoota” jedhu yeroo 50 yommuu ibsamu jechi “ergamtoota” jedhus yeroo 50 ibsamee jira.

=

Qur’aana keessatti jechi “Misooma” jedhu yeroo 50 yommuu ibsamu jechi “Badii” jedhus yeroo 50 ibsamee jira.

=

Qur’aana keessatti jechi “Zakaa” jedhu yeroo 88 yommuu ibsamu jechi “Barakaa” jedhus yeroo 88 ibsamee jira.

=

○ Qur’aana keessatti jechi “Dhalaa” jedhu yeroo 24 yommuu ibsamu jechi “Dhiira” jedhus yeroo 24 ibsamee jira.

=

Qur’aana keessatti jechi “Jireenya” jedhu yeroo 145 yommuu ibsamu jechi “Du’a” jedhus yeroo 145 ibsamee jira.

=

Qur’aana keessatti jechi “ hujii gaarii ” jedhu yeroo 167 yommuu ibsamu jechi “hujii baaxilaa ” jedhus yeroo 167 ibsamee jira.

=

Qur’aana keessatti jechi “Namoota Qajeelloo” jedhu yeroo 6 yommuu ibsamu jechi “Namoota Jallatoo ” jedhus yeroo 6 ibsamee jira.

=

Qur’aana keessatti jechi “ Salaata” jedhu yeroo 5 yommuu ibsamee jiru salaatni waajibaa nuti salaatnus 5 dha.

=

Qur’aana keessatti jechi “Ji’oota ” jedhu yeroo 12 yommuu ibsamee jiru waggaan tokkos ji’oota 12 of keessaa qaba.

=

Qur’aana keessatti jechi “Guyyaa ” jedhu yeroo 365 yommuu ibsamee jiru waggaa tokko keessas guyyootiin jiran 365 dha.

=

Subhaannallah!

=

Qur’aana keessatti jechi “Bahrii” jedhu yeroo 32 yommuu ibsamu jechi “

=

Dachee” jedhu immoo yeroo 13 ibsamee jira. Mee asi biratti al takka dhaabbannee Herreegaa barataan kutaa torbaa tokko dalagu haa dalagnu.

=

Jecha Bahrii jedhamee qur’aana keessatti ibsame fii jecha Dachee jedhamee ibsame parsantiin wal biratti haa madaallu. Jechi Bahrii jedhu 32/(32 13) x 100% = 71.12% qabata. Jechi Dachee jedhu immoo 13(32 13)x10 0= 28.888% qabata jechuu dha. Dubbii birootiin addunyaan tun Parsantiin 71.12 Bahrii yommuu tahu Parsantiin 28.888% immoo dache dha.

=

Subhaannallah! Subhaanallah!! Subhaanallah!!

Subhaanallah!!! Subhaanallah!! Subhaanallah!!!!

Eega dubbiftee kaatee “SUBHAANALLAH”

=

Jedhi! Eegasii SHARE gochuu hin dagatin.

Tuesday, November 12, 2024

Zakaa Fixrii

 



12 Nov, 14:03

بِسْمِ اللَّـهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ
°°°°°°°°°°
KITAABA FIQ-HUL MUYASSAR
••••••••••••••••••••••••••••
BOQONNAA 3
KITAABA ZAKAA
=========
BARNOOTA 4FFAA KUTAA 1FFAA
========

Barnoota keenna hardhaa keessatti waa'ee Zakaa FIXRII(zakaata dhalootaa) Baranna.

ZAKAA FIXRII jechuun:- zakaa dhalootaan namarratti dirqama taatu jechuudha. Zakaa FIXRII midhaan gahaa qabaatteef hin baaftu. Ykn horii gahaa qabaatteef osoo hin taane nama muslimaa taatee argamuu kee qofaaf dhuma ramadaanaa irratti kan baaftuudha.

ZAKAAN FIXRII dirqama nama muslima ta'e hundarratti. Daa'ima fi Ga'eessa irraahis ni baafamti.

Rasuulli rabbii SAW :-

فرض رسول الله زكاة الفطر صاعا من تمر أو صاعا من شعير على العبد والحر والذكر والأنثى والصغير والكبير من المسلمين"،

"Dirqama godheet Jira, rasuulli rabbii SAW zakaa fixrii kooboo takka tan timira irraa taate ykn garbuu irraa taate. Gabraa fi bilisa, dhiiraa fi dhalaa, xiqqaa fi guddaa irrattis muslimtoota irraa."

Abbaan warraa maatii isaa hundarraa baasuun dirqama yoo danda'e. Danda'uu jechuun ammoo yoo waan guyyaa Iidaa San nyaatu qabaate waan irraa hafe zakaa fixrii baasa jechuudha.

ULAAGAA ZAKAA FIXRII!

1. Islaama ta'uu.
2. Waan guyyaa ayyaanaa San nyaattee irraa siif hafu kennuudha.

HANGA BAAFAMU

Zakaa fixrii midhaan qofatu baafama. Qarshii baasuun hin danda'amu. Midhaan baafamus midhaan biyya sanitti baramaa (kan nyaatamu) ta'uu qaba. Fknf akka biyya keenyaatti Xaafii, qamadii, boqqolloo, mishingaa, garbuu, hayisaa, Ruuza fi kknf ta'uu danda'a.

Kana malees aannan gogaa baasuun ni danda'ama.

️Hangi midhaanii kan baafamu Ammoo akka zamana keennaa kanatti Kiiloo lamaafi walakkaa ol ta'uu qaba. (2.⅕) Kana jechuun Akka gaafa Rasuulaa sanitti muddii 4 ta'a jechuudha.

FAAYIDAA ZAKAA FIXRII

👉 Nama soomanarra ture sana qulqulleessa. Bakka soomanni isaa jalaa hirdhateen guuta.

👉 Miskiina fi harka qalleeyyii guyyaa sana akka waa nama hin kadhanneef qarqaara. Kanaafuu isaanis guyyaa gammachuu isaanii islaama wajjiin dabarsu.

Rasuulli rabbii SAW:-

ابن عباس رضي الله عنهما قال: فرض رسول الله زكاة الفطر طهرة للصائم من اللغو والرفث وطعمة للمساكين فمن أداها قبل الصلاة فهي زكاة مقبولة، ومن أداها بعد الصلاة فهي صدقة من الصدقات.

👉 Tola rabbiin namarratti oole ibsuutu keessa Jira. Gammachuu islaama wajjiin qoodachuudha.


YEROO ZAKAAN FIXRII ITTI GAGGEEFFAMTU.

Zakaa fixrii galgala guyyaa Iidaa jechuun osoo guyyaan Iidaa hin bari'in baasuun ni danda'ama.

Yeroon zakaan fixrii itti baafamuu qabdu hunda caalaa ganama guyyaa Iidaa sana osoo Salaata IIDAA hin salaatin dura jechuudha.

Salaata IIDAA booda zakaa fixrii baasuun hin danda'amu. Baaftuus bakka bu'uu hin dandeessu.

Rabbiitu beeka
والله اعلم

77200843

Ali Sufiyan Official

11 Nov, 20:25

بِسْمِ اللَّـهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ
°°°°°°°°°°
KITAABA FIQ-HUL MUYASSAR
••••••••••••••••••••••••••••
BOQONNAA 3
KITAABA ZAKAA
=========
BARNOOTA 3FFAA KUTAA 2FFAA
========

Barnoota keenna hardhaa keessatti waa'ee Zakaa beeyladootaa Baranna.

waa'ee Zakaa beeyladootaa

ZAKAA RE'EE.

👉Re'ee 40 irraa hanga 120tti re'ee tokko irraa baasu.
👉 120-200 irraa ammoo re'ee 2 baasu.
👉 201-300 re'ee 3 irraa baasu. Kanaa ol yoo caalte ammoo 100 hunda keessaa re'ee 1 baasu.

Rasuulli rabbii SAW akkana jedhan:-

: {
وفي صدقة الغنم في سائمتها ، إذا كانت أربعين إلى عشرين ومائة ، شاة ، فإذا زادت على عشرين ومائة إلى مائتين ، ففيها شاتان ، فإذا زادت على مائتين إلى ثلاثمائة ، ففيها ثلاث شياه ، فإذا زادت على ثلاثمائة ، ففي كل مائة شاة ، وإذا كانت سائمة الرجل ناقصة من أربعين شاة واحدة ، فليس فيها صدقة إلا أن يشاء ربها ، ولا يخرج في الصدقة هرمة ، ولا ذات عوار ، ولا تيسا ، إلا ما شاء المصدق } .

"Yoo bobbaan/tikni re'ee 40 fi isaa ol ta'e, dhibba hunda irraa re'ee takka baasu. Yoo re'een namichaa 40 gadi taate ammoo zakaan keessa hin jiru."

ZAKAA YOO FUUDHAN TAN AKKAMTU FUUDHAMA?

Islaamummaan Kara hundatti haqa namaa ni eega. Namicha kennuufii kan fuudhuufis haqni lachuu tikfamaadha.

Gaala, loonii fi re'een zakaa taatu:-

️ Fayyaa qabaachuu qabdi. Re'een dhukkuba qabdu hin fuudhamtu.

️ Akkasumas qaamaa guutuu ta'uu qabdi. Jechuun Qaamni isii hir'uu ta'uu hin qabu. (Tana ija hin qabne, gurra hin qabne, fi hanqina garagaraa qabdu hin taatu).

️ Haadha ilmaanis ykn aanesse fuudhuun hin ta'u.

️ Tan rimaya qabdus fuudhuun hin ta'u.

️ Tan qalmaaf qophooftes hin fuudhamtu.

️ Sangaa qotus fuudhuun hin hayyamamu.

️ Tan hunda caalaa abbaan jaalatuu fi abdatus hin fuudhan.

Horii bobbaa tokkoo (kan nama hedduun walitti qaban) zakaan isaa akkamitti baha?

Kana bakka lamatti qoonnee laaluu ni dandeenna.

1. Qabeenya waloo (jechuun kan walitti bitame) kan hin qoodamin. Fknf loon 40 magaalaa deemanii bitanii galan, loon kana walumatti bitan malee Kuni keeti Kuni kiyya wanni jedhamu hin jiru.

2. Horii dhuunfaa garuu kan walitti dabalamee bakka tokko bulu, waliin bobba'uudha. Kana jechuun jalqaba namni walitti naqate Kuni loon isaa kophaa kophaatti ni beeka jechuudha.

Ulaagaa asiin gadii yoo guttate lachuu zakaan irraa bahuu qaba.

️ Horiin Kuni waliin buluu fi waliin bobba'uu qaba. Jechuun Tika tokko ta'uu qaba.

️ Namoonni walitti tikfatan Kuni lachuu ykn hundinuu namoota zakaan irratti dirqama ta'e ta'uu qabu. Kana jechuun fknf nama 3n walitti naqatanii yoo namni tokko keessaa kaafira ta'e zakaan irratti dirqama hin taane jechuudha.

️ Loon walitti ida'ame Kuni baay'inaan sadarkaa zakaa gahuu qabu. Jechuun yoo loon taate 30 ol yoo gaala taate 5 oli yoo re'ee taate ammoo 40 ol ta'uu qabdi.

Hubachiisa:- zakaa sodaaf jecha loon duraan waliin bobba'u adda baasun hin ta'u. Ammas zakaa irraa baafna jedhanii beeyladoota duraan waliin hin jirre walitti naquunis hin hayyamamu.
Kana jechuun amma osoo namni 3 re'ee afurtama, afurtama qabaatee zakaan irraa bahu re'ee 3 ture, garuu walitti maknee 120 irraa re'ee tokko baafna jechuu fa'a. Kun hin hayyamamu.

Ulaagaan Kuni beeyladoota qofaaf oola.

Rabbiitu beeka
والله اعلم

1.2k00730

Ali Sufiyan Official

10 Nov, 13:30

بِسْمِ اللَّـهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ
°°°°°°°°°°
KITAABA FIQ-HUL MUYASSAR
••••••••••••••••••••••••••••
BOQONNAA 3
KITAABA ZAKAA
=========
BARNOOTA 3FFAA KUTAA 1FFAA
========

Barnoota keenna hardhaa keessatti waa'ee Zakaa beeyladootaa Baranna.

Beeylada jechuun:- gaala, loonii, Hoolaa fi re'eedha.

ULAAGAA ZAKAA BEEYLADOOTAA!

1. Sadarkaa zakaan irraa bahu gahuu qaba. Kana jechuun yoo gaala ta'e 5 fi isaa oli. Re'ee yoo ta'e 40 fi isaa oli. Loon yoo ta'e ammoo 30 fi Isa oli.

2. Waggaan irra naannahuu. Erga waggaan irra deebi'ee booda zakaan irraa baha.

3. Tika tokko keessa jiraachuu qaba. Jechuun bobbaa takka ta'uu qaba.

4. Hojjattuu tan hin taane. Jechuun gaala bishaan waraabu, ykn sangaa qotu ta'uu hin qabu. Maalif? Sangaa qotu 30 namni qabu Zakaa irraa baasuun dirqamaa miti. Maalif? Sababnisaa ooyruu/maasaa sangaan Kuni qote irraa zakaan waan bahuufi.

BEEYLADOOTA IRRAA ZAKAAN MAALTU BAHA?

️ Gaala 5 irraa jalqabee zakaan irraa baha.

️Gaala 5 = ilmoo re'ee takka.
️Gaala 10= Re'ee lama.
️Gaala 15= re'ee sadi.
️Gaala 20 = Re'ee afur.
️Gaala 25-35= Orgee/ogoree gaalaa tan waggaa takka fixxee waggaa lamaatu irraa baha. Yoo hin qabne ammoo dibicha gaalaa kan waggaa lamaa baasa.

️ Gaala 36-45= Orgee/ogoree tan waggaa lama geesse irraa baasu.
️ Gaala 46-60= goromtii gaalaa tan waggaa 3 guutte irraa baasu.
️ Gaala 61-75= gaala waggaa 4 xumurtee gara 5nii deemtu ykn kan ilkaan cabse/buuse irraa baasu.

️ Gaala 76-90 = Orgee/ogoree haati irratti dhalte jechuun tan waggaa lama guutte 2tu irraa baafama.

️ Gaala 90-120= gaala waggaa 4 guute lama irraa baasu.

️ Gaala 120 ol yoo ta'e afurtama afurtamatti qoodaanii afurtama hunda irraa ogoree gaalaa tan waggaa lama guutte irraa baasu.

ZAKAA LOONII
zakaan loonii 30 irraa jalqaba.

👉 30-39= jibicha waggaa tokko guutee gara lammaffaa seene irraa baasu.
👉 40-59= jibicha waggaa lama guutee gara saddaaffaa deemu irraa baasu.
👉60-69= jiboota waggaa lamaa 2 irraa baasu.
👉 Horiin yoo torbaatamaa fi isaa ol darbe 30 hunda keessaa jibicha tokko baasu. Afurtama hunda irraa jibicha waggaa lamaa fi isaa ol dabre baasu

Bottom of Form

 

Markaz Umer posts

Barnoota fi Seenaa kutaa 1ffaa

 Barnoota Fi Seenaa Nabii Muhammad Barnoota fi Seenaa Kut-1ffaa  Kutaa 1ffaa✅ ================================ 1✍️Rasuulli (ﷺ) Gama eenyuutt...

Markaz Umer Bin Khaxxab